Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni Sudaan Irraa Dheessan Magaalaa Matammaa Seenaa Jiru: IOM


Kaartaa dangaa biyyoota Gaafa Afrikaa agarsiisu
Kaartaa dangaa biyyoota Gaafa Afrikaa agarsiisu

Lammiilee biyyoota adda addaa Sudaan irraa gara magaalaa daangaa Itiyoophiyaa Metemaatti dhufan gargaaraa akka jiran, Itiyoophiyaatti bakka buutuun Dhaabbanni Godaantota kan Addunyaa (IOM) Keey Vireey beeksisee jira. Ebla 15 Sudaan keessatti lolli erga ka’ee as namoonni 12,000 Metema akka galan IOM ibseera.

Itiyoophiyaatti Dubbi himtuun IOM Kaye Vriay RSAf akka himanitti, namoota gara Matammaatti dhufan keessaa, lammiilee Sudaan, Itiyoophiyaa deebi’an, Tarkii, Eertiraa, Somaaliyaa, Keeniyaa fi biyyoota 50 ol irraa kan of keessaa qabu ta’uu ibsan.

Irra caalaan isaanii kan harka 39 ta’an, lammiilee Itoophiyaa deebi’an yoo ta'an, harkii 27 lammiilee Sudaan, harkii 13, lammiilee Turkii ta’u fi namoota 12,000 guyyaa lama dura dhufan hunda keessaa harkii 20 daa'imman ibsanii jiru. Akka dubbi himtuun kun jedhanitti, biyyoota imbaasiin isaanii lammiilee isaanii akka deeggaran gaaffii ergan dabalatee, namoota gara Itoophiyaa galan gargaaraa jira.

"Imbaasiiwwan adda addaa irraa lammiilee isaanii akka gargaarru gaaffiin nu qaqqabaa jira; fakkeenyaaf mootummonnii Keeniyaa, Somaaliyaa, Uugaandaa; warri nu bira ga'an, lammiilee isaanii geejjibaa daangaa irraa gara Gondoor (magaalaa dhihoo jirtutti) deggerra.Kana amalees, gariin isaanii hanga Fimfinneetti, akkasumas hamma dandeenye wiirtuuwwan geejjibaa IOM keessummeessaa jirra" jechuun dubbii himtuun IOM ibsanii jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG