Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Jila Sudaan Ka Jeneeraal Burhaan Bakka-bu’an Kamiisa Kaleessaa Simatte


Ergamaan Jeneraalii Sudaan Abdel-Fattah Burhaan Kamiisa kaleessaa Itoophiyaatti ibsa oggaa kennan, Finfinnee, Caamsaa 4, 2023.
Ergamaan Jeneraalii Sudaan Abdel-Fattah Burhaan Kamiisa kaleessaa Itoophiyaatti ibsa oggaa kennan, Finfinnee, Caamsaa 4, 2023.

Kaartuum keessatti dhukaasa cimaa fi dhohinsi darbee darbee mudatu gabaafamaa yeroo jiru kanatti, Itiyoophiyaan walitti bu’iinsa deemaa jiru irratti mari’achuuf ergamaa Jeneraalii Sudaan Abdel-Fattah Burhaan Kamiisa kaleessaa simattee jirtti.

Ergamaan addaa Burhaan, Dafallah Alhaj, waraanni biyyatti“nama meeshaa waraanaa lafa kaa’uuf qophaa’e kamiif iyyu dhiifama gochuuf” fedhii qaba jedhan. Waldhabdeen kun Ebla 15 kan eegale yoo ta’u, kanaan dura waldhabdeen waraanaa, kan Jeneraal Abdel-Fattah Burhaan durfamuu fi garee morkataa humna waraanaa saffisaa ykn RSF jedhamu, kan Jeneraal Mohamed Hamdan Dagalo’n ajajamu gidduutti ji’ootaaf hammaataa ture.

Alhaaj ibsa gaazexeessitootaaf Finfinnee keessatti kennaniin, ''Aanga'oonni, biyyoonni, fi miidiyaaleen hundi, seeraan kan aangoo qabatee jiruu fi finciltoota adda baasuu qabu,'' ''Kunneen lamaan wal qixa ta'uu hin qaban,'' jedhan. Ergamaan Burhaan Muummee Ministeera Itiyoophiyaa Abiy Ahimad fi dura taa’aa Gamtaa Afrikaa waliin wal arguu isaanii ibsaniiru.

Gama kaaniin Itiyoophiyaatti, Ambaasaaddarri Sudaan akka jedhanti, Humni Deeggarsa Saffisaa (RSF) dursee meeshaa waraanaa yoo lafa kaa’e, waraanni Sudaan “hatattamaan” lola dhaabuuf qophaa’uu isaa Kamisa kaleessaa Finfinnee keessatti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin ibsaniiru.

Waldhabdee kanaan hanga ammaatti lammiilee nagaa dabalatee yoo xiqqaate namoonni 550 kan du’an yoo ta’u, 4,900 ol ammoo madaa’aniiru. Miidhaa namoota nagaa ykn siviiloota irra ga’e qofa kan hordofu gareen Doktooroota sudaan, Kamisa kaleessaa akka jedhetti, hokkara kanaan namoonni nagaa 457 kan ajjeefaman yoo ta’u, 2,300 ol ammoo madaa’aniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG