Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaartuum Keessatti Har’a Dhukaasni Kan Dhaabate Fakkaata


Aara dhukaasaa halaalaa mullatu, Kaartuum, Sudaan, Caamsaa 6, 2023.
Aara dhukaasaa halaalaa mullatu, Kaartuum, Sudaan, Caamsaa 6, 2023.

Dhukaasa dhaabiinsii gareewwan Sudaan wal waraanaa jiran gidduutti tolfame, wiixata har’a Kaartuum keessatti kan hojii irra oolee fakkaata. Kunis, erga mariin araara raafama ture kana cimsuuf dhuma torban darbee mariin saa’udii keessatti gaggeeffamee booda.

Dilbata kaleessaa magaalaa Kaartuum keessatti lolli itti fufee waan jiruuf bakkeewwan adda addaa irratti aarri cimaan samiitti ol ka’aa ture.

Lolli cimaan torban sadiif waraana Sudaan fi Humnoota Deeggarsa Saffisaa ykn RSF gidduutti geggeeffamaa ture, namoota dhibbaan lakkaa’aman ajjeesuun biyyatti gara qarqara kufaatiitti dhiibee jira.

Mariin kun erga waldhabdeen aangoo Ebla 15 ka’ee as kan jalqabaa yoo ta’u, Sa’uudii Arabiyaa qarqara galaanaa Jiddaa, Galaana Diimaa irratti kan gaggeeffame ta’uu ibsi waloo Sa’uudii fi Ameerikaa baasan ni mul’isa.

Mariin kun jalqabbii yaada dippilomaasii mootummaa sa’uudii fi Yumaaytisd Isteetis dhiyeessan, kan lola Kaartuum fi naannoo magaalota biroo gara dirree waraanaatti jijjiiree kuma dhibbaan lakkaa’aman manaa fi qe’ee isaanii irraa buqqisee dhaabuuf qaama kaayyeffatee sanaaati.

Lolli walakkeessa baatii Eblaa irraa eegalee gaggeeffame, lubbuu namoota dhibbaan lakkaa’aman galaafachuun,kanneen kumaatamaan lakkaa’aman madeessee, dhiyeessii gargaarsaa namoomaa jeequun, namoonni kuma 100 ta’an biyya alaatti akka baqatan taasisee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG