Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan keessatti Wal Waraansii Mudate Haala Gargaarsa Namoomaa Abiyee Keessaa Walxaxaa Taasise, Jedha Tokkummaan Mootummootaa 


FAAYILII - Namoonni Sudaan irraa qaxxaamuran kaampii baqattootaa Sudaan Kibbaa keessatti argamutti, Kibxata Caamsaa 3, 2023.
FAAYILII - Namoonni Sudaan irraa qaxxaamuran kaampii baqattootaa Sudaan Kibbaa keessatti argamutti, Kibxata Caamsaa 3, 2023.

Sudaan keessatti wal waraansii mudate haala gargaarsa namoomaa Abiyee keessaa kan daangaa Sudaan Kibbaa fi Sudaan irraa jiru walxaxaa taasisuu isaa Tokkummaan Mootummootaa beeksisee jira.

Gargaartuu barreessituu olaantuu kan ta’an Maartaa Amaa Pobee Mana Maree Naga eegumsaaf akka ibsanitti, waldhabdeen kun Abiyee kan daangaa Sudaan Kibbaa fi Sudaan irraa jirtu keessatti, karaa hojiif itti bobba’an jeequun, dhaqqabuu meeshaalee fi hojjettoota dabalataa yeroo biraatti akka darbuu taasiisee jedhan.

Gamtaa Afrikaatti bakka buutuun addaa kan Tokkummaa Mootummootaa Haannaa Serwaa Tetteh akka jedhanitti, tasgabbii dhabuun kun baqattoota Sudaan Kibbaa kan Sudaan keessummeessaa jrtu kuma 200 ol gara biyya isaanti deebi’uu danda’uu.

Walitti bu’iinsa Sudaan keessatti adeemsifamaa jiruun lakkoofsi namoota du’anii namoota nagaa dabalatee 604 gahuu dhaabbatii fayyaa kan Tokkummaa Mootummootaa Kibxata kaleessaa beeksisee jira. Lakkoofsi haaraan kun kan argame yeroo bakka bu’oonni paartilee wal waraanaa jiran Sa’udii keessatti marii gaggeessaa jiranitti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:52 0:00
More
XS
SM
MD
LG