Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal Waraansii Sudaan Daarfuuritti Yaaddoo Uumuu Jiraattonni Dubbatan


FAAYILII - Namoota magaala Kaartuum keessaa baafamanii gara Sawudi Arabiyaa geeffamaa turan keessaa, Caamsaa 4, 2023.
FAAYILII - Namoota magaala Kaartuum keessaa baafamanii gara Sawudi Arabiyaa geeffamaa turan keessaa, Caamsaa 4, 2023.

Lollii waraanaa fi waraana Sudaanii fi Humnoota Deeggarsa Saffisaa gidduutti deemaa jiru, naannoo gammoojjii bal’aa waggoota kurna lamaan darbaniif hadhaa wal waraansaa dhandhamaa ture keessatti, waldhabdee deebisee qabsiisuu mala jechuun Jiraattonni bulchiinsa Daarfuur Kibba sodaa qaban ibsanii jiru.

Waldhabdeen waraanaa biyyattii fi humna saffisaa RSF jedhaman giddutti eega jalqabamee booda, Daarfuur dirree waraanaa kan taate yoo ta’u, Ebla 16 magaalaa guddoo bulchiinsa kanaa Nyala keessatti lollii namoota hidhatan gidduutti ka’e.

Kunis Ibiddi gabaa guddaa magaalattii keessaa mancaasee manneen daldalaa fi meeshaalee daldalaa barbadeesse.

Jiraattonni lolli kun milishoota gosaa ofitti harkisaa jiraachuu sodaatu. Jibba yeroo dheeraa hawaasa gurguddoo naannichaa lamaan gidduutti uumame – kan inni tokko Araba, inni kaan ammoo Afrikaa Baha ykn Giddugaleessa jechuun wal qoodan ta’uu isaa adda baasee mul’isa.

Jalqaba bara 2000moota keessa gosootni Afrikaa Daarfuur keessa jiran kanneen yeroo dheeraaf loogii himatachuun mootummaa irratti fincilan, Manni Murtii Yakka qoratuu kan addunyaa duguuggaa sanyii waliin waan wal gitu irra ga’e jedhee deebii kenne.

Milishoonni Arabaa mootummaan deeggaraman kanneen Janjaweed jedhamuun beekaman ajjeechaa bal’aa, gudeeddii fi gocha hammeenyaa birootiin himataman.

Boodarra Jaanjaweediin gara garee waraanaa gargaaraa Humnoota Deeggarsa Saffisaa, RSF jedhamuun beekamutti guddate, yeroo ammaa waraana Sudaan waliin wal waraanaa jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG