Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mariin  Gareelee Sudaan Saawudii Keessatti Geggeessamaa Jiru Abdii Akka Qabu Seera-tumtoonni Yunaayitid Isteetis Dubbatan 


Namoota Sudaan keessaa baqachaa jiran, Chaad, Caamsaa 10, 2023.
Namoota Sudaan keessaa baqachaa jiran, Chaad, Caamsaa 10, 2023.

Wal Waraansa Sudaan keessaa Humnoota Waraanaa Mohaammad Hamdaan Dagaloo fi hoogganaa humna Waraanaa Sudaan Abduul Fattaah Burhaan gidduutti haala waraana dhaabuun da’anda’amu irratti Saa’ud Arabiyaa Magaalaa Jiddaah tti jalqabamus biyyattii keessatti ammayyuu waraanni hin dhaabbatiin waan jiruuf lubbuun nanmoota hedduu darbaa jira. Hanga walakkeessa ji’a Eeblaatti qofa sababa wal waraansa Sudaan keessaan lubbuun namoota 750 darbeera akkasumas namoonni nagaa kuma dhibbootaan lakka’aman qe’eesaaniirraa buqqa’uun godaananiiru.

waliin dubbii humnoota waraanaa lamaan Sa’uud Arabiyaattii gaggeeffamaa jiru bakka bu’oonni seera baastoota Ameerikaa hordofaa jiran Abdii irraa qabaachuu himu. Viiktoriyaa Nuulaandaa minisitira haajaa Alaa Ameerikaatti itti waawamaa dhimma Siyaasaa kan ta’an yaada kennaniin marii amma humnoota wal waraanaa jiran gidduutti deemaa jirurraa abdii qabaachuu himuun kan ammaa kun yoo kan milkaa’u ta’e itti aansuun angawoota Sudaan gulantaan jiran akkasumas uummanni Sudaan waliin akka dubbatu ni taasifama jedhan.

Mana Maree Seera baastuu Amerikaatti Koree hariiroo alaa kan hoogganan Seenatar Bob Mendeez yaada Sagalee Ameerikaaf kennaniin qooda fudhattoonni Idil- Addunyaas keessatti hirmaatanii bulchiinsi Siviilii akka jiraatu ni taasifama jedheen abdadha. Yeroos nagaan Sudaanis ni deebi’a jedhan Itti dabaluunis bara2021 yeroo Burhaan fonqolcha gaggeessan Yunaayitid Isteetis gidduu seentee tasgabeessuu hin dandeenye. Ammas qoqqoobbii irra kaa’uurra haala gara dimokiraatawwaatti dhufuun Uuumanni Sudaan ofiin akka of bulchu irratti deeggarsa keenya ni kenninas jedhaniiru.

Waraanni Sudaan keessaa dhaabbachuu kan danda’u mootummaan cee’umsaa dimokiraatawwaa yoo jiraatedha jedhamus miseensonni mana maree seera baastuu Ameerikaa kan dhaaba Ruppaabulikii garuu ammayyuu bulchiinsi Baayideen hanga ammaatti tarsimoo kanaraatti hanga ammaatti waan baafate hin qabu jedhu.

Torban darbe masaraa mootummaa Ameerikaa Waayit Haawus qaama naagenya Sudaan dhorku kamirrattiyyuu qoqqobbii akka kaa’u itti gaafatamummaan itti kennamus miseensoonni seera baastuu warri kaanimmoo waliin dubbii humnoonni Sudaan keesstti wal wraanaa jiran gidduutti deemaa jiruuf kaayoon ifa ta’e taa’uu qaba jechuun falmu. Dhaaba warra Dimokiraatirraa miseensa seera baastuu kan ta’an Kiriis Van Hollen nuyi kan arguu barbaadnu Sudaan keessatti waraanni dhaabbatee mariif yeroo akka qabaatanidha.Kaayyoon keenya inni guddaan Sudaan daandii bulchiinsa Uummataatti deebitee karaa dimokiraatawwaa ta’een Uuummatichi ofii isaa akka of bulchudha jedhan.

Akka gabaasa Ministira hajaa alaa Yunaatid Isteetistti Osoo wal waraansi Sudaan keessaa hin ka’iin dura Tokko sadaffaa baay’ina Uuumat Sudaan kan ta’anii ol gargaarsa namoomaa barbaadu turan amma immoo haalli jiru kanaan ol akka ta’udha.

Dhaabbata misooma Idil Addunyaa kan Yuunaatid Isteetisitti gargaartuu gargaarsa dhimma namoomaa kan taate Saraah Chaarles akka himtetti hanga ammaatti Sudaan keessatti sabauma wal waraansaa kaanaan namoonni 700,000 ol qe’ee isaarraa buqqa’uun achuma Sudaaan keessa kan jiran yommuu ta’u kanneen baay’inni isaanii 170,000 ol ta’animmoo daangaa darbuun biyyoota ollaatti baqataniiru isaan kun hunduu gargaarsa namoomaa barbaadus jedhan.

Ministiri haajaa alaa Ameerikaa mana maree seera baastotaaf akka gabaasetti lammilee Ameerikaa Sudaan keessaa 5000 gal’amanii jiran keessaa baay’inni isaanii 1,300 kan ta’an sudaan keessaa baasuu ifoomseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG