Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Eritraa Daawwannaaf Chaayinaa Deeman


Pirezidaantiin Eertiraa Isaayyaas Afwerkii, Ministirri Muummee Chaayinaa Lii Qiyaangi wajjin, Beejiing, Chaayinaa, Caamsaa 15, 2023.
Pirezidaantiin Eertiraa Isaayyaas Afwerkii, Ministirri Muummee Chaayinaa Lii Qiyaangi wajjin, Beejiing, Chaayinaa, Caamsaa 15, 2023.

Preezdaantiin Eertiraa Isaayyaas Afwerki Dilbata kaleessaa buufata xiyyaaraa sadarkaa addunyaa Beejiing kan gahan yoo ta’u, daawwannaa kunis affeerraa preezdaantii Chaayinaa Shii ]pingii biraa dhiyaateen ta’uun ibsamee jira.

Ministirri Muummee Chaayinaa Lii Qiyaang Wiixata har’a prezidaantii Eertiraa Isaayyaas Afwerkii walga’ii Beejiingitti taa’aniin “tumsa faaydaa walii gad fageessuun walta’iinsa tarsiimoo walii isaanii itti fufiinsaan dagaagsuu qabu” jedhan.

Daawwannaa isaanii kanaan preezdaant Isaayyaas sirnaa fi affeerraa irbaataa gaggeeffamu irratti Pirezidaan Pingiin simatamu. Hoggantoonni lamaan marii irratti kan bobba’an yoo ta’u, walta’iinsa tarsiimoo irratti xiyyeeffachuun dhimmoota idil-addunyaa fi naannoo gama lachuu yaaddeessan irratti yaada waljijjiiru.

Ertraan Galaana Diimaa irratti argamuu fi, Chaayinaan gaanfa Afrikaa keessatti cimuuf waan barbaadduuf, Eertiraan Chaayinaaf teessuma lafaan barbaachisaa ta’uu dandeessi, kaabaan Sulula Suuez fi Awurooppaa, kibba bahaan ammoo Galoo Galaana Arabaa fi Galaana Hindii argachuu dandeessi.

Eertiraan daangaa Jibuutii waliinis kan qooddattu yoo ta’u, Waraanni Bilisummaa Ummata Chaayinaa bara 2017 buufata waraanaa biyya alaa isa jalqabaa hundeesse.

Bara 2022tti hoggantoonni biyyoota lamaanii walitti dhufeenya Chaayinaa fi Eertiraa gara walta’iinsa tarsiimootti akka guddisan murteessan.

Barri keessa jirru kun walitti dhufeenyi dippilomaasii biyyoota lamaan gidduutti erga hundeeffamee waggaa 30ffaa ta’uu ibsameera. Chaayinaa fi Eertiraan wal amantaa gadi fageessuu, tumsa qabatamaa bu’aa qabeessa galmeessuu fi dhimma addunyaa fi naannoo irratti qunnamtii cimaa qabaachuu itti fufanii jiru.

Biyyoonni lamaan michooma aadaa waliin qabu. Dhiheenya kana lammiileen Chaayinaa Sudaan keessaa yeroo baafaman, gareen jalqabaa gara Eertiraa geeffaman.

Yaada chaayinaan karaa daandii fi galaanaan biyyoota Eshiyaa afrikaa fi Awuroopaa wal agarsiisuuf yaada Chaayinaan baafte Akka biyya barbaachistuu

Akka Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa ibsutti, daawwannaan kun hariiroo Chaayinaa fi Eertiraa bal’aa fi gadi fageenya qabu keessatti humna haaraa kan dabaluu yoo ta’u, tumsa biyyoota lamaanii bu’a qabeessa ta’e ni guddisa jedhamee eegama.

Ji'a Bitooteess dabree Ministeera Dhimma Alaa Amerikaa, waraanni Ertraa waldhabdee waggaa lamaaf naannoo Tigraay keessatti gaggeeffameen yakka waraanaa raawwate jechuun isaa ni yaadatama.

JG/DHW

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG