Xurree ittiin seenan

Breaking News

Boordiin Filannoo Itiyoophiyaa ABUT Uggurrri Galmee Filannoo Irra Kaa'amee Ture Akka Irraa Kaasamu Gaaffii Dhiheesse Fudhatama Dhabsiise 


FAAYILII - Dura Teechuu Boordii Filannoo Itoophiyaa, Birtukaan Miidhaksaa

Addi Bilisummaa Uummata Tigiraay (ABUT) qaama seeraa ta’u haqamuu ilaalchisuun gaaffiin dhiyeessee fudhatama dhabuu bordiin filannoo beeksisee jira. Qaama seeraa tae itti fufuuf labsii jiru hundee godhachuun galmaa’uuf gaaffii dhiyeessuun akkasumas akka seera jiruutti yoo ehamee qofa ta’u bordiin kun beeksisee jira.

Waajiira Adda Bilisummaa Tigraay keessatti itti gaafatamaan danee gurmaa’innaa Obbo Tewaldee Gabra Tsaadqaan paartiin isaanii kana irratti mari’atee deebii akka kennu ibsan.

TPLF humna gargaaramuun gocha fincilaa irratti hirmaachuu isaa tuquun, paartiichi qaama seeraan qabu akka haqamuuf, Amajjii 10 bara 2013 bordiin filannoo biyyooleessaa murtii dabarseen, itti gaafatamtoonni paartichaa maqaa paartii kanaan akka hin sossonee, qabeenyaa partichaa ilaalchisee maallaqnii hin baafamnee yoo jiraate akka baasan, kana malees, qabeenyaan jiru kan hafee yoo jiraate barnoota lammummaa fi filannoof akka ooluu marteessee ture.

TPLF Caamsaa 4 bara 2015 xalayaa bordii kanaaf barreesseen, wal waraansii Tigraay keessatti gaggeeffame karaa nagaa fi heeraan akka furamuuf paartiin kunii fi mootummaan Fedeeraalaa walii galtee irra waan ga’aniif , murtiin bordiichii duraan dabarsee akka ka’uuf gaafachuu isaa bordiin ibsa baaseen hubachiisee jira.

JG/DHW

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG