Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaa Keessatti Roobnii Hamaan Gara Namoota Kuma 200 Godaansise


FAAYILII - naannoo eddu galeessa Somaaliyaatti bakkawwan rooba guddaadhan miidhaman, Somaaliyaa, Caamsa 18, 2020.
FAAYILII - naannoo eddu galeessa Somaaliyaatti bakkawwan rooba guddaadhan miidhaman, Somaaliyaa, Caamsa 18, 2020.

Somaaliyaa waaltaa keessatti lolaa bishanii mudateen namoonni kuma 200 ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’uu isaanii qondaalli naannichaa tokko Sambata darbe dhaabbata oduu Ajaans Fraans Preesiif himanii jiru.

Kunis kan ta’e, sababaa lagii Shabelle edeeda isaa cabsee ba’uun daandiileen bishaaniin liqiimfamuu isaaniin ta’uun ibsamee jira.

Jiraattonni kutaa Hiran kan magaalaa Beledweyne roobni cimaan lolaan akka malee akka ol ka’u waan taasiseef mana isaanii keessaa ba’uuf kan dirqaman yoo ta’u, jiraattonni meeshaalee isaanii mataa isaanii irratti baatanii, daandii lolaan guutame keessa lafa daahannaa barbaaduuf dirqaman.

Itti aanaa bulchaa dhimma hawaasummaa kutaa Hiraan Alii Usmaan Huseen, amma lakkoofsii harkaa qabnu ka duraati,Namoota rakkoo kanaan miidhaman gargaaruuf waan dandeenyu hunda gochaa jirra,'' jechuun dhaabata oduu Ajaans Fraans Preesiif himan.

Itti aanaan bulchaa kutaa Hassan Ibraahim Abdullee Jimaata darbe ''namoonni sadii lolaa bishaanii kanaan du'aniiru' jedhan. Balaan kun kan dhufe, caama hamaa biyyattiin argiitee hin beenne erga mudatee fi lammiileen Somaaliyaa miliyoonaan lakkaa’aman qarqara beelaan ga’e rakkataa yeroo jiruutti yoo ta’u, kana malees waggoota kurna hedduuf biiyyattiin lootee seentoota Islaamummaa waliin wal’aansoo qabaa yeroo jirtuutti.

Jiraattonni AFP'tti akka himanitti, jalqaba torban kanaa halkan walakkaa bishaan daandii keessaa fi gamoo keessa waan yaa’eef jecha mana isaanii dhiisanii ba’uuf dirqaman. Dubartiin maqaan isaanii akka hin ibsamnee gaafatan tokko akka jedhanti, yeroo 5ffaaf lolaa bishaanii cimaa mudateen Beledweyne keessaa baqachuu isaanii dubbatan.

Haati ijoollee saddeetii fi ganna 35 kun AFPtti akka himanti, ''Yeroo lagni kun edeeda isaa cabsu hundatti ni baqana,jedha.

JG/DHW

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG