Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hogganaan Waraana Sudaan Sochii Maallaqaa Garee Mormituu Isaanii Ugguran


FAAYILII -Namoota Baankii Kaartum funduratti, Kaartuum, Sudaan, Fulbaana 11, 2017.
FAAYILII -Namoota Baankii Kaartum funduratti, Kaartuum, Sudaan, Fulbaana 11, 2017.

Herregii baankii humnoota deggersa saffisaa Sudaan hunduu akka hin sossoneef akka ugguramuuf hogganaan waraana Sudaan ajajanii jiru. Gamnii lamaan torbanneeniif Sudaan keessatti wal waraanuun, biyya rakkoo Sudaan keessa jirtu kana gara qarqara waraana bal’atti dhiibaa jiran.

Labsiin Dilbata kaleessaa Jeneraal Abdel Fattah Burhaniin baasan kun, herrega humnoota Deeggarsa Saffisaa baankii Sudaan keessa qaban, akkasumas herrega kaampaanilee garee kanaa hunda irratti kan xiyyeeffate ta’uu dhaabbati oduu mootummaa SUNA gabaaseera.

Uggurri kun garee RSF irratti dhiibbaa hatattamaa akkamii akka qabuu fi ajajni Burhan akkamitti hojiirra akka oolu ammallee ifa miti. Hogganaan waraanaa kun, bulchaa Baankii Giddu-galeessaa kan Sudaan nma biraan bakka bu’uu isaaniis beeksisaniiru.Tarkaanfiin kunis labsii ugguru kanaan walqabatee ta’uu hin oolu jedhama.

Waggoota kurnan darban keessatti RSF dhaabbilee maallaqaa Sudaan fi kuufama warqee suuta suutaan argachuudhaan qabeenya guddaa walitti qabee jira.

Walakkeessa baatii Eblaa irraa eegalee waraanni Sudaan Burhaaniin durfamu fi RSF kan Mohamed Hamdan Daglo'n ajajamu waldhabdee aangoo keessatti ckeessa seenuun, jiraattonni kumaatamaan lakkaa'aman gara biyyoota ollaa baqachuuf dirqisiisaniiru.

JG/DHW

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG