Xurree ittiin seenan

Breaking News

Adduunyaa Irratti Murtoon Du’aa Dabalaa Deemuu Amnestii Internaashinaal Gabaase


Bara darbee 2022 keessa namoottan 883 irratti adabbiin du’aa murtaa’uu isaa dhaabbanni mirga namaatiif falmu Aminestii Internaashinaal gabaasa wagga guyyaa har’aa baaseen ibsee jira. Lakkoofsi kun bara 2017 as hedduminnaa isa jalqabaa akka ta’ee ibseera.

Biyyootaan walakeessa baha fi Kaaba Afrikaa dabalatee, bara 2022 tarkaanfiin murtoo ajjeechaa biyyoottan 20 keessatti fudhatame isaa bara achi aanuu wajjin yemmuu walburi qabamee ilaalamu dhibeentaa 53n dabalee akka jiru gabaasinni Aminestii kun beekseseera.

Chaayinaa keessatti namoottan dhoksaadhaan ajjeefaman kumaatamaan lakkawaman kan itti hindaballee gabaasinii Aminestii kun, Sa’udi Arabiyaa keessatti guyyaa tokkootti namoonni 81 akka du’aan adabaman taasifamuu isaa ibseera.

Akka gabaasni Aminestii kun dabalee jedhutti, Chaaynaan akka dursa irra jirtu amanamee, Iraan namoottan 576, Sa’udi Arabiyaan 196, masir namoottan 24 Yunaayitid Isteets nammoottan 18 ajjeechaadhaan adabani jiru. Lakkoofsii Sa’udi Arabiyaa yemmuu ammna hedduummatu wagga 30 keessatti isa jalqabaa akka ta’es gabbasni kun ereera.

Murtoon ajjeechaa Kooriyaa kaabaa fi Veetinaam keessatti akka hojii irraa olaa jiruu kan ibsee Aminestiin, namoottan 11 Siingaapoor keessatti Ajjeefaman dabalatee dhibbeentaan 40n kan ajjeeffaman dhimmaa baala sammuu namaa adoochuun walqabatee akka ta’e ibseera.

Barreesituun muummee Aminestii Internaashinaal Aginis Kalaamaard dhimma kana ilaachisee ibsa kennaniin, adabbii ajjeechaa Kanaan caalaatti kan miidhamma jiraan namoottan rakkina iyyumaa keessaa jiran akka ta’e himuun isaanii gabassameera.

Dhimma sarbiinsaa mirgaa namoomaa cimaa ta’ee kana irratti dhaabbanni mootumootaa gamtoomanii sirnaa eegumsaa akka tolchuu qabuu kan gaafatan hoggantuun Aminestii, biyoottan kan akka Repabiliikii walakeessa Afrikaa, Ekuwaatoriyaal Giinii, Kaazaakistaan, Paappawaa Niwu Giinii, Seeraaliyoonii fi Zaambiyaan adabbii ajjeechaa seeraa isaanii keessaa baasuun isaanii waan abdii namatti horu ta’uu isaa ibsuun isaanii gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG