Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaatti Namoottan Kuma Dhibbaan Lakkawaman Balaa Lolaa Bishaaniin Buqqa’anii Jiru


Rooba guddaa Somaaliyaatti bu’e. 
Rooba guddaa Somaaliyaatti bu’e. 

Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti waajjiri qindeessaa dhimmaa gargaarsa namoomaa ykn OCHAn akka ibsetti Magaalaa akaakuu namaa hedduu qabu Beledweyiin keessaa namoottan balaa lolaa kanaan qe’ee isaanii irraa buqa’an 219,000 dabalatee namoottan 460,000 ol ta’an irra midhaan qaqqabeera.

Bishaan guutee dhangala’ee jiru kun, hosipitaala gudicha magaalichaa dabalatee, waajjiraaree mootummaa fi jarmiyaawwan tajaajila hawaasaatif barbaachisaa ta’an akka cufaman dirqisiisuun isaa gabaasameera.

Jiraatan magaalichaa tokko akka madda oduu Assooshiyeetti Prees/ AP ti himanitti, baayinni bishaanichaa fi midhaan inn geessise seenaa magaalichaa keessatti waan argamee hin beekneedha. Haalii lolochaa itti fufa taanaan dhibeen koleeraa fi Busaa umamuu danda’a jechuudhaan jiraattonni magaalichaa akk soda qaban APn gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG