Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haallii Kutaa Saahiil Keessaa Akkaan Yaaddeessaa Dha: Tokkummaa Mootummootaa


The logo of the United Nations
The logo of the United Nations

Haalli nageenyaa kutaa Saahil keessaa “baay’ee yaaddessaa” ta’uu fi “haala gargaarsa namoomaa duraanuu hamaa ta’e daran hammeessaa jira” jechuun Qondaalli olaantuun Tokkummaa Mootummoota kan waa’ee dhimma Afrikaa gola naga eegumsaa akeekkachiisanii jiru.

Kutaa Dhimma Siyaasaa fi Ijaarsa nagaa akkasumas, Hojii Nageenya eegsisuu keessatti Afrikaaf, Gargaartuu Barreessituu Olaanaa kan ta’an Martaa Poobee Kibxata kaleessaa gola naga eegumsaaf akka ibsanti,kutaa Saahil keessatti gareewwan mootummaa hin taaneetu, lammiilee nagaa irratti akkasumas maadhee waraanaa irratti haleellaa raawwatan jechuun ibsan.

Kana malees, qabeenya uumamaa argachuu irratti waldhabdee irratti bobba’uu jedhanii,kana malees shororkeessummaa fi gareewwan hokkara gara jabummaa gaggeessan yeroo baayyee naannoo daangaa irratti qiyyaafatan iraachuu hubachiisan.

Nageenyii dhabamuun kun immo, rakkoo gargaarsa dhala namaa kutaa sana keessaa jiru daran hammeesse jedhu.

Tasgabbii dhabuu Saheel Bahaa keessaa ilaalchisee, “ammallee sababa yaaddoo dabalataa tokko” akka ta’ee fi “tasgabbii dhabuu Saahil keessatti itti fufuun immoo, kutaa Sanaa fi ardii Afrikaa irraa fagaatee akka dhaga’amaa jiru Pobeen dubbatanii jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG