Mariin nagaa marsaa inni duraa gara jalqaba abaatii kanaatti gaggeeffamee ture, walii galtee malee eega xumuramee booda mootummaan Itiyoophiyaa haleellaa waraanaa isaan irratti banuu isaa, Waraannii Bilisummaa Oromoo Robii har’a himatee jira.
Mootummaa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) walitti bu’iinsa waggoota kurna hedduuf gaggeeffamee, fi waggoota dhiyoo asitti, naannoo uummanni itti baay’atu Oromiyaa keessatti, kanneen dhibbaan lakkaa’aman ajjeefamanii, kuma kurnootaan lakkaa’aman immoo qe’ee isaanii irraa buqqaisee sana xumuruuf jecha, Zanzibaar keessatti torban tokkoof marii gaggeessanii turan. Gamnii lachuu yeroo sanatti, marii itti fufuuf waliigaluu isaanii dubbatanii turan.
WBOn Ibsa ajaja olaanaa isaatiin baaseen, mariin marsaa jalqabaa Caamsaa 3 erga xumuramee booda waraanni Itoophiyaa ''haleellaa bal'aa'' bananii jiru.
"Tarkaanfiin kun adeemsa marii keessatti hammeenyi hir'isuun dursa kennamuufii qaba hubannoo jedhu, haalaan kan faallessudha," jechuun waraanni biyyatti, qonnaan bultoonni milishaa naannootti makamuun, loltoota isaaf nyaata akka dhiyeessan dirqisiisuu isaa himate.
Dubbi himaan mootummaa federaalaa Itiyoophiyaa, raayyaa ittisa biyyaa fi bulchiinsa naannoo Oromiyaa akka yaada kennaniif gaaffii dhiyaateef battalumatti deebii hin kennine jechuun dhaabbatii oduu Rooytars gabaasee jira..
Rooyitars ofii isaatii kan WBOn himatee kana mirkaneessuu hin dandeenye.
Forum