Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yaa’iin Gurmuu Biyyoota Toorba G7 Jedhamuu Jimaata Boorii Jaappan Hirooshimaatti Jalqaba


U.S. President Biden arrives in Japan for G7 summit
U.S. President Biden arrives in Japan for G7 summit

Pirezidaant Joo Baayiden yaa’ii biyyoota Garee Torbaarratti argamuuf imala gara Hirooshimaa Jaappaanitti taasisaniin Muummee Ministiraa Jaappaan Fuumihoo Kishiidaa waliin ni mmaarii’atu. Hooggantoonni biyyoota Addunyaa baay’een biyya Jaappaan kan gara lixaa magaalaa seenaa keessatti yeroo jalqabaaf boombii Summaa’aan ykn Atoomik boombiin rukkutamtee turte ga’aa jiru. Dhimmi waraana Raashiyaa fi Yuukireen mata duree dubbii yaa’ii biyyoota Garee Torbaa kan si’anaa ta’a jedhamees eeggama.

Muummeen Ministiraa Jaappaan Fumio Kishida yaa’ii kanaan alatti addatti Pirizidaantii Yunaayitid Isteetis Jooy Baayideen waliin dubbataniiru. Akkasumas addatti Muummeen Ministiraa Jaappan Muummee Ministiraa Biriitish Rishi Sunak waliinis addatti waliin dubbatanii jiru. Yaa’iin biyyoota Garee Torbaa kun Jimaata Boorii ifatti ni jalqama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG