Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Mootummootaa Uummata Sudaan Keessaa Baqatanii Biyyattii Dhaa Bahan Gargaaruuf Gargaarsa Doolaara Biliyoona Sadii Gaafate


ASXAA TOKKUMMAA MOOTUMMOOTAA
ASXAA TOKKUMMAA MOOTUMMOOTAA

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Jaarmiyaan dhimma baqqattootaa UNHCR wal waraansa Sudaan keessaa ji’oota lamaaf deemuuf jiruun gargaarsa namoomaa taasiisuuf maallaqni Doolara Biiliyoona Sadii na barbaachisa jedhe.Akka karoora Jaarmiyichaatti hanga dhuma waggaa kanaatti maallaqa doolaara biiliyoona 2.56 qabamee ture yeroo ji’a hin guunne keessatti baajatnni dabalataa doolaara miiliyoona 800 dabalataan barbaachises jedhe.

Kunis hanga dhuma waggaa kanaatti namoota miiliyoona 18 ta’aniif deeggarsa namoomaa taasisuufidha jedha jaarmiyaan dhimma baqqattootaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii.

Namoota sababaa wal waraansaa sudaan keessaan biyyoota ollaa kanneen akka Chad, Misiraa, Itiyoophiyaa ,Waaltaa Rippuubilika Afrikaa fi Sudaan Kibbaa keessaa gargaaruuf maallqni doolara Miiliyoona 470 ol akka barbaachisu Iyyata kana keessatti eereera. Maalqani amma barbaadamu kunis namoota miiliyoona Tokkoo ol deeggaruuf akka ta’es jedhame. Wal waraansa Sudaan keessaan haga ammaatti namoonni 840,000 ol qe’ee isaaniirraa buqqa’uun godaaniiniru.Kanneen keessaa namoonni 220,000 ol ta’an biyyoota ollaatti goodanaaniiru. Karaa daangaa Matammaa namoonni 20,400 Itiyoophiyaa seenuu kan ibse gabaasni Jaarmayaa baqqattootaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG