Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa Omdurmaanitti Haleellaa Xiyyaaraa Geggeessameen  Namoota Nagaa Irraa Miidhaan Gahuun Himame


FAAYILII:-Omdurman Sudaan, Caamsaa 15, 2023.
FAAYILII:-Omdurman Sudaan, Caamsaa 15, 2023.

Humnoonni Waraanaa Sudaan Lamaan wal waraanaa jiran Sa’uud Arabiyaatti waraana dhaabuuf mariin jalqaban xumura hin argatiin hafus ammas waraanni akkuma itti fufetti jira. Robii kaleessaa rooyiters viidiyoo diroonii argadhe jedhee gabaaseen Kaaba Kaahartuum Omdurmaaniitti haleellaa xiyyaaraa lafa gabaarratti raawateen aarrii gurraachi hangaan ol aanaa ta’e samiirratti mul’ateera. Akkasumas loltoonni humnoota wal waraanaa jiranii lamaanii waraana walitti bananii wal rukkutaa akka turan jiraattonni himaniiru.

Gama biraatiin Roobii Kaleessaa Sudaan kibbaatti gorsaan siyaasaa humnoota waraanaa Mohaammed Hamdaan Dagalooniin hoogganamanii Izzat Yusuuf ibsa kennanniin waliin marii qaamoonni lamaan Saa’ud Arabiyaatti taasisaniin karaa nagaa dhibdee isaanii hiikkachuuf fedhii akka qaban himaniiru. Izzat kana kan jedhan pirizidaantii Sudaan kibbaa Saalvaakir waliin erga marii’ataniin boodadha. Piriziidaant Saalvaakir akka biyya ollaatti wal dhabdeen keenya karaa nagaa xumura akka argatuuf tattaaffii taasiisaa jiran waan jajjabeeffamuu qabu jechuunis himan. Humnoonni waraanaa isaanii Uummata nagaa da’oo taasifachuun waraana gaggeessaa jira jedhamuun komii isaaniirratti dhiyaatu sobadha jechuunis ibsaniiru Izzat. Kunis humnoonni waraanaa keenyaa Naannoo Kahaartuum dhibbeentaa 90 to’atanii jiru jedhan.

Waliin dubbii humnoota Waraanaa Sudaan keessatti wal waraanaa jiran kan yeroo darbe Sa’ud Arabiyaatti taasisaniin dhaabbilee gargaarsa namoomaa fi namoota nagaaf eegumsa taasiisuu kan jedhurratti walii galanis ammas waraannii fi halleellaan xiyyaaraa akkuma itti fufetti jira. Kanas kan cabse humnoota waraanaa Albuhuuraaniin durfamanidha jedchuun Komataniiru Azzat Gorsaan dhimma siyaasaa Mohaammad Hamdaan Dagaloon.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG