Qorannoo haaraa Itiyoophiyaatti ifoomsame, hirmaannaan dubartoonni Itiyoophiyaa keessatti Miidiyaa irratti qaban dhibbeentaa 12 qofaa dha jedhe. Qorannicha waldaan miidiyaa dubartoota Itiyoophiyaa akka ifoomsetti dubartoota ogeessoota ta’anis ta’e kanneen biroo miidiyaa irrati yaadni isaanii akka dhaga’amuuf carraan isaaniif kennamu ammayyuu gadi aanaa akka ta’edha.
Hooggantuu waldichaa kan taate Ribiqaa Taaddesee miidiyaaleenis ta’e gaazexeessitoonni dubartoota ogeessota ta’an ogummaa isaaniin miidiyaa irratti xinxala akka kennaniif fedhiin qabaniif amantummaan isaan irraa qaban gadi aanaadha. Kunis seenaa duraan dhimma dubartootaa irratti himaamaa tureen dhiibbaan ture itti fufuu isaa agarsiisas jedhan. Rakkoo kana furuufis Waldaan Miidiyaa dubartootaa, maqaa fi ogummaa dubartootaa xinxala miidiyaa irratti kennuu danda’anii qaamoolee odeeffannoo ykn miidiyaaf qooduuf akka jirudha jedha gabaasni Finfinneerraa
Forum