Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaameeruun Keessatti Uuummatni Kumootaan Lakka’aaman Hiriira Bahuun Nagaa fi Araarri Biyyattii Keessatti Akka Bu’u Gaafataa Jiru


Kaameeruun keessatti Caamsaa 20 Boorii guyyaan biyyooleessa kabajamuuf yeroo jedhutti Wiixata darberraa kaasee Ummaanni biyyatti kumaatamaan lakka’aman hiriira nagaa ba’uun sagalee isaanii dhageessisaa jiru. Hirirri nagaa guutummaa biyyattii keessatti torban kana keessa taasifamaa jiru qindeessummaa Rogeeyyii , hojjettootaa fi hooggantoota aadaa hawwasaan kan waamame biyyattiin gara nagaa fi tokkummaatti akka dhuftuuf waamicha taasisaa jiru.

Haasaan jibbisnsaa fi qoqqooddaas haa dhaabbatu jechuun dhaadannoo isaanii dhageesiisaa jiru. Bara 2017 tti jeequmsa biyyattii keessatti ka’ee lubbuu namoota 6000 darbuuf sababa kan ta’e haasaa jibbinsaa fi qoodinsaati jechuun qindeessitonni hiriirichaa wiixata darbeerraa kaasanii magaalotaa fi gandoota Kaameeruun hunda keessatti hiriira nagaa ba’uun biyyattiin gara nagaa fi tokkummaatti akka dhuftuuf waamicha taasisaa jiru.

Hordofttoonni Amantaa Kiristaanaa Kumaatamaan lakka’aman kamisa kaleessaa magaalaa Yaa’oondee keessatti hiririchatti makamuun haasaan jibbinsaa fi qoodinsaa dhaabbachuun gara nagaa fi tokkummaatti dhufuu jedhu dhageessisaa turan. Lubni Haamfireey Taatahi kaameeruunitti daayireekteera koomunikeeshinii Konfiraansii biyyaaleessaa Ippisqoophaal kan ta’an dubbii dubbataniin nuyi kiristaanoonni yeroo haasaan jibbinsaa kanneen jeequmsa uumuu danda’an babbal’atanitti madaalawaa ta’uu qabna jedhan.

Bara 2018 tti filannoon pirezidaantii Kaameeruniitti taasifameen pirezidaant Paawul Biyaa filannicha moo’uu isaanii yommuu labasatan mormituun isaanis Ma’uurisee Kaamtoos anatu injifate jechuu isaaniin jeequmsi uumamee ture lubbuu namoota baay’ee galaafateera jedhan lubni Hamfireey Tatah.

Jeequmsoonni kanaan dura Kaameruun keessatti Uumamanii turan wal qoqqoodaa fi haasaa jibbisnsaa Hawwaasa Afaan Fireenchii dubbatan tokko tokko fi kanneen Afaan Ingilishii dubbatan gidduutti taasifamaniin akka ta’an lammiileen Kaameeruun amma hiriira nagaa irratti hirmaachaa jiran ibsu.

Haalli Kaameeruun keessa jiru ammayyuu yaaddeessaa ta’uu isaa dhuma ji’a darbee gaabasa Komishiniin mirga namoomaa baaseen kanneen Afaan Fireenchi dubbatan naannoo warra Afaan Ingiliish dubbatanii yommuu deeman haasaan jibbinsaa fi qoodinsaa isaan irra ga’aa jira kunimmoo jeequmsichi deebi’uu malaaf sodaan akka jiru gabaasee ture.

Komuunikeeshiniin biyyaaleessaa Kaameeruun waggaa darbe dhaabbilee Miidiyaa Raadiyoonii fi Televiziyoonaa hedduuf keessummoota haasaa jibbinsaa taasisan affeertan jechuun akeekkachisa kennuun isaa ni yaadatama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG