Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Tibbana Sudaan Keessatti Gaggeessameen Ummanni Miiliyoona Tokkoo Ol Qe’ee Irraa Buqqa’uu Tokkummaan Mootummootaa Beeksiise


Dhaabbata Mootummoota gamtoomaniitti jarmayaan dhimma baqqattootaa UNHCR jimaata kana akka beeksiseetti sababaa wal waraansaa Sudaan keessaan namoonni Miiliyoona Tokkoo ol godaansaaf saaxilamuu himuun kanneen keessaa baay’innii isaanii 250,000 kan ta’an warra kanaan dura baqattummaan Sudaan keessa jiranidhas jedhe.

Dubbi himaan jaarmayaa dhimma baqqattootaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Maateewu Saaltimaarshi Jenevaa Iswizeerlandirraa ibsa sabaa himaaleef kennaniin hanga ammaatti namoonni 843,000 Achuma Sudaan keessatti qe’ee isaaniirraa buqqa’uu mirkaneessaneeru. Kanneen walakkaa miiliyoonaa ol ta’animmoo biyyoota ollaatti daangaa cee’uun baqataniiru jedhan. Namoota gara biyyoota Oollaatti baqataa jiran keessaa kanneen baay’inni isaanii 5000 ta’an guyyaan gara biyya Misiraatti baqachaa akka jiran kan himan Maatiwuun hanga ammaattis lammiiwwan Sudaan 110,000 biyya Misiraa seenanii mootummaan galmaa’anii jirus jedhan.

Waraanni humnoota waraanaa Sudaan lamaan gidduutti taasifamu ammaayuu akkauma itti fufetti jiraachuu kan dubbata Maatiwu dubbii himaan jaarmiyaa dhimma baqqattootaa dhaabbata mootummoota Gamtoomanii magaalaan Kahaartuum gara dirree waraanaattis jijjiirameera jedhan.

Itti dabaluunis namoonni nuti argachaa jirru warra deemsa miillaa yeroo dheeraan miidhaman, kanneen waraanii sodaa guddaa sammuu isaanii keessatti uumeruu fi kanneen jeequmsicha keessatti miidhaalee keessummeessaniiran aksumas kanneen waraana jalaa osoo baqatanii maatii isaaniirraafaa addaan ba’aniiranidha. Kaanneen yaala ariifachisaa barbaadanillee jirus jedhan.

Namoonni Waraana Sudaan keessaa baqatan kunneen biyyoota ollaa akka Chaad, Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaatti baqachaa akka jiran kan yaadachisan Maatiwuun biyyoonni kunneenimmoo rakkoo gargaarsa namoomaa kan ofii isaaniiyyuu warra qaban ta’uun rakkicha ittuu hammeessaa jechuun ibsaniiru dhabbaata mootummoota Gamtoomaniitti dubbii himaan jaarmiyaa dhimma baqqattootaa Idi addunyaa.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG