Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Humnoonni Nageenyaa Mirga Ijoollee Daandiirra Jiraatanii Dhiitaa Jiru Jedha


Magaalaa Finfinnee keessatti humnoonni Nageenyaa daa’imman daandiirra jiraatan yeroo wal ga’iiwwan magaalittii keessatti taasifaman karaa mirga heeraa isaanii dhiibuun humnaan walitti qabuun daandiirraa kaafamu jedhe gabaasni komishinii mirga namoomaa Itiyoophiyaa.

Komishinii Mirga namoomaa Itiyoophiyaatti daayireektara qorannoo kan ta’an Salamaawwiit Girmaay Sagalee Ameerikaatti akka himanitti humnoonni nageenyaa mootummaa magaalaa Finfinnee keessatti yommuu wal ga’iin kan biyyoolessaas ta’e akka idil-addunyaa jiraatutti daa’imman daandiirra jiraatan karaa mirga heeraan qaban dhiibuun humnaan daandiirraa akka ka’an taasifamu jedhan.

Ministirri Ministira hawwaasummaa fi dhimma dubartootaa Ergoogee Tasfaayee dhimma kanarratti gaafatamanii daa’imman daandiirra jiraatan deebisanii dandamachiisuun fedhii isaanii irratti hundaa’uun gama mootummaan ni taasifama jedhan. Itti dabaluunis Ministirri isaanii fandii hawwaasummaa jedhe hojiirra oolchuun namoota daandiirra jiraatan deebisanii dandamachiisuuf kan oolu hundeessuuf akka jirus himaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG