Fedhii fi ilaalchi Uummata Amhaaraa bakkaan ga’uu kan danda’u karaa nagaa qofa jedhan pireezidaantiin bulchiinsa naannoo Amhaaraa Doktor Yiliqaal Kaffaalee. Miseensota paartii badhaadhinaa naannicha keessatti argaman 1400 magaalaa Baahir daaritti wal ga’ii jalqabanirratti hasaa kan taasisan pireezidaant Yiliqaal Ajjeechaawwan hooggantoota naannichaarratti raawwataman naannicha gara jeequmsaatti galchuudhaaf kaayyoo kan godhates jedhan.
Ajjechaa tibba darbe naannicha keessatti hoogganaa paartii baadhaadhinaa kan damee naannoo Amhaaraa obbo Girmaa Yeshiixilaa irratti raawwateef hooggantoonni naannichaa gurmaa’insa Faannoo kan Baha Amhaaraatti argamu komatu. Dhaabbileen Siyaasaa mormitootaa gama isaaniin Mootummaan Federaalaa fi bulchiinsi Naannichaa gaaffii uummata Amahaaraa deebisuuf daandiin isaan filatan sirrii akka hin taanetti komatu jedha gabaasni Aster Misgaanaw Baahirdaar irraa ergite.
Forum