Jarmayaan Nyaata Addunyaa fi jarmayaan Misoma Sadarkaa Addunyaa Ameerikaa, 'USAID', dhiyeessii gargaarsaa addaan kutuu isaaniitiin haalli namoomaa Tigraay hammaataa dhufuu Manni Maree Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa beeksiseera.
Hojii gaggeessaan Mana Maree Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa Heenook Mellesee VOAf akka himanitti, haalli namoomaa Tigraay qaamota dhimmi ilaallatu hunda irraa qiyyaafata barbaada jedhan.
Bakka bu’oonni mana marichaa dhaabbileen lamaan gargaarsa nyaataa kana erga addaan kutanii booda, Tigraayiin daawwatanii, haala lafa nirra jirus ilaalaniiru.
Manni Maree Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa ibsa kenneen gargaarsi namoomaa akka eegaluuf gaafateera.
Gargaarsi nyaataa namoota baay'ee barbaadan sirriitti dhaqqabu isaa erga mirkanaa'ee booda raabsiin nyaataa ni jalqaba jechuun jarmayaan qindeessa gargaarsa namoomaa kan Tokkummaa Mootummootaa OCHAn gabaasa Caamsaa 11, 2023 baaseen beeksisee jira.
Forum