Xurree ittiin seenan

Breaking News

Korri Paartii Badhaadhinaa Kan Naannoo Amaaraa Xumurame


Angawonni paartii badhaadhinaa naannoo Amaaraa irraa walitti dhufan kanneen 1400 ta’an wal ga’ii guyyoota sadii kan Baahir Daar keessatti geggeessan xumuranii jiran.

Xumura wal ga’icha booda ibsa baheen, hirmaattonni gaaffii fi yaaddoo ummanni Amaaraa qabu karaa nagaa qofaan furuuf qophii ta’uu ibsaniiru. Qoqqoodinsa jiru fayyisuu dhaan naannicha tokkoomsuuf illee waadaa galaniiru.

Miseensa koree hojii raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi itti gaafatamaa waajjira isaa ka naannoo Amaaraa Girmaa Yeshitlaan erga ajjeefamee booda kun wal ga’ii isa jalqabaati. Paartileen mormitootaa mootummaan federaalaa Itiyoophiyaa Finfinnee keessa jiru akkasumas mootummaan naannichaa Bahirdariin jiru yaaddoo ummata Amaaraa beeksisuu fi haqaan furuu dhabuun himatu.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG