Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattoonni Sudaan Deggersa Namoomaa Barbaacha Gara Itiyoophiyaatti Baqataa Jiran


Baqattoonni Sudaan gara Itoophiyaa seenan yeroo ta'aanii boqatan, Matammaa, Caamsaa 5, 2023.
Baqattoonni Sudaan gara Itoophiyaa seenan yeroo ta'aanii boqatan, Matammaa, Caamsaa 5, 2023.

Kaartum fi naannolee biroo keessatti erga Ebla 15 qabee lolli waraana Sudaanii fi humna addaa gidduutti geggeessamaa ennaa jiru kanatti uummanni miliyoona 25.7 ta’u gargaarsa namoomaa kan isa barbaachisu ta’uun ibsamee jira.

Galmeen jamayaa koolu galtootaa kan sadarkaa addunyaa IOM biraa roobii darbe akka mul’isutti yoo xiqqaate guutuu Sudaan keessaa uummanni 843,13 qe’ee irraa kan buqa’e yoo ta’u kanneen 259,000 ta’an immoo biyya hollaatti baqataniiru.

erga walitti bu’iinsi sun jalqabee qabee guyyaa guyyaatti namoonni 700-800 ta’an daangaa qaxxaamuruun kan Itiyoophyaa fi Sudaaniin wal agarsiistu Metemmaa seenaa jiran. Kan Kaartuum keessa jiraatu Ismaail Huseen Televiziyoona Chaayinaa CCTV jedhamuuf akke himetti lolli ka’e haati warraa koo ulfa taate gamasii aka baqattu dirqiseesee as dhaqqabuuf illee guyoota hedduu nu fudhate jedhee jira.

Lammiiwwan Itiyoophiyaa kanneen Sudan keessa hojjetaa turanis nageenya isaaniif sodaachuu dhaan gara biyya ofiitti deebi’aa jiran.

Hogganaan gurmuu IOM Itiyoophiyaa Abibaatoo Waane Fool akka jedhanitti fedhiin jiru guddaa dha, uummati rakkoo hamaa keessa jira. Nyaata, geejjibaa fi bishaan isaan barbaachisa

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG