Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Joo Baayiden Daawwannaa Asiyaatti Geggeessan Adda Kutuun Waayit Haawusitti Deebi’an


PirezidaantJoo Baayiden walgahii hoggantoota G7 Hirooshimaatti gaggeeffame hordofuun ibsa gaazexeessitootaaf yeroo kennan, Hirooshimaa, Caamsaa 21, 2023.
PirezidaantJoo Baayiden walgahii hoggantoota G7 Hirooshimaatti gaggeeffame hordofuun ibsa gaazexeessitootaaf yeroo kennan, Hirooshimaa, Caamsaa 21, 2023.

Pirezidaantiin Joo Baayiden Wixata har’aa Af-yaa’ii mana maree paartii Rippabilikaanotaa irraa ta’an Keevin Maakaartii waliin marii daangaa liqaa Ameerikaa ol kaasuuf taasifamu ilaalchisee geggeessuu isaanii dura, Washingten keessatti yaaddoon dabalee jira. kunis liqaan jiru hin furamu taanaan balaa hamaa ta’uu mala ka jedhu ilaalchisee ti.

Xumura torbanii booda Baayiden Dilbata gara galgalaa gara Washingtenitti deebi’an. Ministriin maallaqaa Yunaayitid Isteetis Baayiden, yeroo itti maallaqi jiru dhumata jchuun akeekkachiise Waxbajjiin 1 utuu hin ga’in dura, liqaan dabalataa akka eeyamamuuf Kongresii waliin mari’achuuf jecha imala Asiatti geggeessan addaan kutuun deebi’an.

Mariin isaanii kan Wixata har’aa dursuu dhaan Baayiden ennaa gara Washingtonitti deebi’aa xayyaara irra utuu jidran jiran Makaartii waliin mari’ataniiru. Dilbata galgala ennaa Waayit Haawus ga’an illee mariin isaanii gaari akka ture tuuta oduuf ibsanii jiran.

Akkasumas, Maakaartiin faallaa marii isaanii marsaa duraa jechoota ciccimoo walitti dubbatanii mariin isaanii bu’a qabeessa jdhan.

Ammas gama lamaan yaada isaanii walitti fiduu irraa kan fagaatan fakkaata. Baayiden, Ripaablikaanonni baasii gad xiqqeessuu isa jedhu mootummaan liqaa jiru ol kaasuuf akka haal dureetti kan isaan kaa’an fudhatama hin qabu jedhan.

Walgahii biyyoota duroomanii kan G7 Jaappaan Hirooshimaatti gaggeeffame dhiisanii osoo hin ba’iin dura Baayiden ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, Gamni biraa ejjennoo isaa isa daangaa darbe irraa yeroon itti deebi’u amm jedhan.

Akkasumas tiwiitara isaa irratti Baayiden gargaarsa hawaasummaa fi eegumsa fayyaa hir'isuu isa jedhu cimsanii kan morman ta’uu ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG