Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haalli Qilleensaa Hamaan Walakkaa Jaarraa Darbee Uummata Miliyoona Lama Ta’u Galaafate: Tokkummaa Mootummootaa 


FAAYILII - Karaa rooba guddaa booda galoodhan fudhatame, Beledweyinee, Somaaliyaa, Caamsaa 18, 2020.
FAAYILII - Karaa rooba guddaa booda galoodhan fudhatame, Beledweyinee, Somaaliyaa, Caamsaa 18, 2020.

Haalli qilleensaa hamaan 12,000 kan bishaaniin wal qabate walakkaa jaarraa darbe naannoo addunyaattii uummata miliyoona 2 ol kan galaafate yoo ta’u, miidhaa dinagdee doolaara triliyoona $4.3 dhaqqabsiisuu isaa ejensiin dhimma haala qilleensaa kan tokkummaa mootummootaa wixata har’aa beeksisee jira.

Dhaabbanni Meetirooloojii Addunyaa, kora waggaa afraffaa kan biyyoota miseensa ta’an gidduutti gaggeeffamu yeroo banu, bara 2027 yeroo kaayyeffame-tti taateewwan haala qilleensaa hamaa ta’aniif sirna akeekkachiisaa jiru fooyyessuuf hojiin dabalataa hojjetamuu akka qabu ergaa dhiibeera.

Kan Jenevaa keessa maadheffate dhaabbati kun dhiibbaa jijjiiramni qilleensaa harka namaan dhufe dhaqqabsiise irra deddeebi’uun akeekkachiisee, ho’i dabaluu haalli qilleensaa hamaan irra deddeebisee mudatu, lolaa, bubbee hamaa fi hongeef sababaa ta’e jedhee jira.

Ejensichi akka jedhutti sirni akeekkachiisa dursamee kennamuu du’a haala qilleensaa fi balaawwan haala qilleensaatiin walqabatan biroo dhufu malu hir’isuuf gargaareera.

Muummichi barreessaan dhaabbata kanaa Petterii Talaas akka jedhanitti irra hedduun miidhaa dinagdee bara 1970 fi bara 2021 keessa Yunaayitid Isteetis keessatti dhaqqabe walumaa gala doolaara triliyoona $1.7 yoo ga’u byyootii guddataa jiran addunyaa irraa immoo sababaa kanaan namoota kudhan du’an keessaa sagaltu du’an.

Waggoota shanan itti aanan keessa dachiin kun kan jaarraa19ffaa irra ture caalaa degeree Celsius 1.5 ho’uuf carraan jiru dhibba irraa harka 66 akka ta’e tilmaamni dhaaba haala qilleensa addunyaa beeksisee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG