Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni Qehee Ofii Irraa Buqqa'an Kuma Hedduun Har'a Maqalee fi Magaalaalee Tigiraay ka Biroo Keessatti Hiriira Bahan


Hiriira Tigraay magaalota aada ddaatti bahame keessaa.
Hiriira Tigraay magaalota aada ddaatti bahame keessaa.

Naannoo Tigiraayitti namoonni Sababaa Wal wraansaan qe’ee isaaniirraa buqqa’anii jiran magaalota Ja’a keessatti hiriira nagaa ba’uun qe’ee isaaniitti akka mootummaan isaan deebisuu qabu gaafataniiru. Hiriirichi Magaaloota kanneen akka Maqalee, Addigiraat, Aduwaa , shiree Indaasillaasee fi Aksuum keessatti gaggeefameera.

Bulchiinsa yeroo kan mootummaa naannoo Tigraay keessatti namoonni sababaa wal waraansaan qe’ee isaaniirraa buqqa’’uun buufataalee da’annoo garaagaraa keessa jiran magaaloota kanneen akka Maqalee, Aksuum, Aduwaa, Shiree indaasillaasee fi Abiyyuu Addii keessatti hiriira nagaa ba’uun bulchiinsi Mootummaa yeroo kan naannoo Tigraay fi Mootummaan Federaalaa akkasumas dhaabbileen gargaarsa namoomaa idil addunyaa akka isaan gargaaruu qaban gaafataniiru.

Namoonni hiriira nagaa kanarratti hirmaatan walii galteen Piriitooriyaatti Mootummaan Federaalaa fi humni adda bilisa baasaa Uummata Tigiraay waliif mallatteessan guutummaan hojiirra ooluun qe’ee keenyatti deebi’uu qabna jechuun gaafataniiru.

Namoota magaalaa Maqaleetti hiiriira ba’aniiran keessaa Adde Ajabnesh Mallas Humaraa irraa buqqa’uu isaanii kan himan hojjennee jiraachuu barbaadna, Mana keenya yaadneerra jechuun sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Bakka buutoonni fi qindeessitoonni hiriirichaa hoogganaa biiroo bulchiinsa kan yeroo naannoo Tigraay Obbo Amaanu’eel Asaffaa waliin kan marii’atan yommuu ta’u gaaffiin isaanii sirrii ta’uu fi irraa fudhachuu ibsuun dhimmicha irrattis akka hojjetu ibaniiru jechuun Maqalee irraa kan gabaase Muluugeetaa Atsbahaati.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG