Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareeleen Sudaan Dhukaasa Dhaabuuf Eega Waliigaltee Mallatteesanii Guyyoota 7 Boodallee Biyyattii Keessaa Dhukaasni hin Dhaabanne


Suuraa viidiyoo irraa kaafame aaraa naannoo gabaa Omdurmaan keessa jiruu keessaa agarsiisu, Sudaan, Caamsa 15, 2023.

Humnoonni Wraanaa Sudaan keessatti wal waraanaa jiran lamaan waraana dhaabuuf walii gateerra erga ga’anii guyyoonni torba lakkoofsimanis ammayyuu waraanni akka hin dhaabbanne jiraattoonni himu. Gidduu seentummaa Unaayitid Isteetis fi Saa’udii Arabiyaan humnoonni waraanaa lamaan karaa bakka bu’oota isaanii magaalaa Jiddaatti marii yommuu turanitti dhaabbilee gargaarsa namoomaa fi namoota nagaa akkasumas dhaabbilee misoomaa namoota nagaan itti tajaajilamaniif eegumsa taasiissuurratti walii galanii ture.

Wiixata darbe dhaabbata mootummoota gamtoomanitti kan gola nagaa eegumssaaf gabaasa kan dhiyyeessan ergaamaan addaa mootummoota gamtoomani dhimma Sudaan Volker Peertees Jalqabbiin Yuunaayitid fi Sa’uud Arabiyaa kan jajjabbeefamu kan jedhan Sudaan keessatti garuu hanga ammattiyyuu waranimmoo itti fufee jira jedhan. Itti dabaluunis hooggantoonni waraanaa lamaan Mohaammed Hamdaa Dagaloon fi Abdel Fettaah Al burhaan loltoota isaan jala jiran amansiisuu qabu jedhan. Itti dabaluunis qaamoonni wal waraanaa jiran lamaan fedhii uummata Sudaaniif bakka kennuun waraana dhaabanii karaa nagaa wal dhabdee isaanii akka furataniif waamicha dhiyyeessaniiru.

Peertees dubbii isaanii kanaan waraana Suddan keessatti torban shanaffaaf deemaa jiruun daa’imman 190 dabalatee namoonni 700 ol lubbuu isaanii dhabaniiru.Kanneen 6000 ta’animmoo madaa’aniiru. Kanneen Miiliyoonaa ol ta’ qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiru kanneen keessaa namoonni 250,000 ta’an biyyoota ollaatti baqataniiru jedhan.

Wal-Waraansa Sudaan Keessaa Dheessuun Daa'imman 450,000 Daangaa Biyyoota Biraatti Qaxaamuran, Jedha Tokkummaan Mootummootaa

Sababa wal waraansa Sudaan keessan daa’imman 450,000 qe’ee isaaniirraa buqqa’uun gara biyyoota ollaatti godaananiiru jedhe dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti jaarmiyaan gargaarsa daa’immaanii “ children’s Fund.” Gareen gargaarsaa kun akka gabaasetti daa’immaan godaansaaf saaxilaman kunneen barnoota isaanii addaan kutuun dhohinsoota waraanaaf kan saaxilamanii fi heeruma yeroo malee akkasumas kanneen wraanatti makamuuf dirqamanillee jiru jedha.

Godaantoonni kumaatamaan lakkaa’aman daangaa qaxxaamuruun biyya ollaa Chaad akka galan kan beeksiise dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii baqattootaa kunneeniif ammaaf gargaarsi kennamaa jiru waantoota murteessoo ta’an kanneen akka Bishaanii, Nyaataa fi kanneen biroo akka ta’anidha. Daa’imman yeroo ammaa waraana Sudaan keessaa baqatanii jiran barnoota isaanii addaan kutuu isaaniin dhiphina keessa seenuu himatu.

Kunis Abdiin isaanii Yuniivarsiitii galanii barachuufaa akka ta’e himuun haalli amma keessa jiran garuu itti dukkanaa’uu ibsu. Daa’immaan waraana baqatanii amma buufata da’annoo keessa seenanii jiran keessaa kanneen maatiin isaanii eessa jiran hin beeknefaa jiru isaan hedduu dhiphatus jedha gabaasni dhaabbata gargaarsa daa’immanii kan dhaabbata mootummoota gamtoomanii.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG