Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganoonni Tuuriizimii Garee Biyyoota 20 Kaashmiiritti Kora Taa'aa Jiran


Hirmaattonni garee  biyyoota 20 , 'G-2o' bashananaaf hora Daal jedhamu Sringaar keessatti argamurra yeroo bidiruun deeman, Kaashmiir, Caamsaa 22, 2023.
Hirmaattonni garee  biyyoota 20 , 'G-2o' bashananaaf hora Daal jedhamu Sringaar keessatti argamurra yeroo bidiruun deeman, Kaashmiir, Caamsaa 22, 2023.

Hooggantoonni Tuurizimii garee biyyoota 20 agarsiisa Indiyaan tuurizimii naannoo Hamiliyaa kan Kaashmiiritti jalqabame irratti hirmaachaa jiru. Wal ga’ii amma hooggantoonni turizimii biyyoota garee 20 Indiyaatti taasisaa jiran kan qindeessite Indiiyaan kanaan dura bakka hawwata turuzimii ishee sababa rakkoo nageenyaaf waggootan Soddomaaf osoo hin daawwatamiin ture deebistee daawwattoota biyyoota alaa ofitti harkisuuf akka karoorfatte Ministirri Turizimii Federaalaa Indiyaa Kishaan Reedii himaniiru.

Kaashmiir bakki hawwata turizimii taate waggootan soddomaaf garee hidhattoota lelliistoota Islaamaan qabamtee Kan turtedha. Bara 1989 irraa jalqabuun qabiyyee mootummaa Federaalaa kan taate Jammuu fi Kashmiir Indiyaa keessatti bakka hawwata Turizimii Iswizerland Indiyaa jedhamuun waamamti ture. Kunis garreewwan cabbii uffatan fi haroowwan achi keessa jiran daawwattoota biyya alaa harkisuun beekamu ture. Jeequmsa naannoo sana tureenis namoonni kumaatamaan lakkaa’aman du’uuf sababa ta’eera akkasumas daawwattoonni biyya keessaallee bakkicha akka hin daawwanneef sodaa nageenyaa ta’ee addaan citee tureera.

Nageenyi naannoo sanaa bakkatti deebi’uu irraan kan ka’e bara 2022 tti daawwattoonni miiliyoona 18.4 kaashmiir daawwachuu isaanii Ministirri Turizimii Federaalaa Indiyaa beeksiiseera. Daawwattoota bara2022 keessa Kaashmiiriin daawwatan keessaa lammiileen biyya alaa 20,000 qofa akka ta’anii fi isaanis biyyoota kanneen aka Maleezhiyaa, Indooneezhiyaa, Kooriyaa Kibbaa fi Taayiwaan irraa akka ta’an kan ibsan hooggantoonni Turizimii Kaashmiir amma garuu daawwttoota biyyoota Awuurooppaa Ofitti harkisuuf kan kaayyeefatan ta’uus himaniiru.

Yaa’ii Turizimii biyyoota Garee 20 kan amma Indiyaattii taa’amaa jiru irratti kan argaman bulchaan Jammuu fi Kaashmiir Manoj Sinhaa waggootan Soddoma dabarsine keessatti hordooftoonni amantaa hunduu Kaashmiir keessatti aarsaa kaffalaniiru sababaa shororkeessummaa mootummaa biyyoota ollaarraa Ispoonsara ta’een jechuun ibsan.

Lola naannoo kanatti taasifamaa tureef Indiyaan mootummaa biyya Paakistaan irra deddeebbiin komatti. Paakistaan garuu dhimmicha keessaa harka akka hin qabne haalaa turteetti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG