Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganaan Al-Shabaab Haleellaa Samii Irraan Geggeessameen Madaa’uu Yunaayitid Isteetis Beeksiste


Hogganaan haajaa alaa Al-Shabab haleellaa qilleensaa Yunaayitid Isteetis dhiyeenya garee hidhattoota kana irratti raawwatteen kan madaa’e ta’uu maddeen lama, nama al-Shababiin ganee ba’e dabalatee, VOA sagantaa Afaan Somaaleef himaniiru.

Angawaan Al-Shabab duraanii Omar Mohaammad Abu Ayaan VOAf akka himanitti, ajajaan waraanaa gameessi Osmaan Mohaammad Abdii kan maqaa Mo’aalim Usmaan jedhamuun beekamu kan irratti qiyyaafatame ture.

Maqaan nama irratti fuuleffatamee fi aangoon isaa Ministeerri Odeeffannoo Somaaliyaa ibsa Kibxata kaleessaa baaseen mirkaneessee jira. Ministeerichi akka jedhetti, Mo’aalim Usmaan al-Shababiin gargaaruuf hojii loltoota biyya alaa gara Somaaliyaa fiduu to’ata.

Haleellaa samii irraan geggeessame irraa ooluu isaa illee dubbi himaan waalta ajajaa Yunaayitid Isteetis kan Afriikaa beeksisniiru.

Madaallii miidhaa lolaa bal’aa geggeessamee hordofuu dhaan waaltaan ajajaa kun hogganaan al-Shabab tokko akka miidhame add baafatee jira jechuu dhaan dubbi himaan AFRICOM Letenaant Komaandar Timotii Pietrack Kibxata kaleessaa VOAtti himaniiru.

Haleellaan sun Sambata darbe magaalaa Jilib, bakka dhata cimaa Al-Shabab kan Moqaadishoo irraa gara kibba dhihaatti kiiloo meetira 385 fagaattu irratti raawwatame.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG