Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ayyaanni Walabummaa Eertraa 32ffaan Har’a Kabajame


Ayyaanni walabummaa Eertiraa waggaa 32ffaa har'a biyyaa fi biyya alaa keessatti kabajameera.
Ayyaanni walabummaa Eertiraa waggaa 32ffaa har'a biyyaa fi biyya alaa keessatti kabajameera.

Ayyaanni walabummaa Eertiraa waggaa 32ffaaf magaalaalee hawaasaaleen Eertraa keessatti argaman keessatti qophiin guyyicha ilaallatu qophaa’ee jira.

Har’a Istaadiyeemii magaalaa Asmaraatti ayyaana ayyaaneffatame kana irratti diplomaatonni angawoonni mootummaa fi keessummoonni affeeramn kan argman yoo ta’u, prezidaant Isaayyaas Afewerqii haasaa dhageessisniin ayyaanni walabummaa Eertraa bara kanaa qabsoo fi injifannoo walabummaaf geggeessame akksumas ba’iin qabsoo cimaa ennaa argametti kan kabajamuu dha jedhan.

Prezidaant Isaayyaas haasss dhageessisniin bulchiinsi yunaayitid Isteetis Eertaa fi biyyoot ka biroo irratti imaammati inni qabatee jiru ykn adeemsisu dubbii dhalootatti darbe dhaqqabsiiseera jechuun himatan. Garee Washington jechuun qaamonni issn waamanis biyyi isanii Itiyoophiyaa waliin jibbiinsa keessa akka seentu hojjetaniiru jechuun yakkaniiru. Gara fuula duraattis itti fufu jechuun yaaddoo qaban ibsanii jiran. Kanneen kanas of irraa deebisuuf mala qabsoo haaraa gafat jedhan. Haasaa isanii keessatti garee Washingten kan isaan ittiin jedhan bulchiinsa Ameerikaa irratti kan fuuleffate ta’ee, imaammati Ameerikaa Rashyaa fi Caayinaa waliin hariiroo fi muddam jiru walitti fiduu dhaan madaallii humnaa jiru tarreessniiru.

Dhimmootii gaanfa Afriikaa ilaalchsees Eertraan daandii tokkummaa adda durummaan qabattee itti fufti jedhanii dhimmoota biyya keessaa ilaalchisee immoo dameewwan adda ddaa irratti duula uummataa fi kaka’umsi akka cimu ibsaniiru. Haa ta’u maee dameewwan kam irratti duulli akka geggeessamu hin tarreessine.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG