Jiraattonni magaalaa galma mootummaa Sudaan walii galteen lola dhaabiinsaa guyyoota torbaa erga tolfamee Roobii har’aa guyyaa lammataaf dukaasa Madfii dabalatee lollii geggeessamuu isaa ibsanii jiru.
Hoggantoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Sudaan fi Humnootnni addaa Wixata galgala irraa eegalee lola akka dhaabban waliigalanii kan turan yoo ta’u, waliigaltee kana guyyota jalqabaa torba booda haaromsuu danda’ama ture.
Hokkorri itti fufee jiruun dhukaasa dhaabiinis kanaan dura ture fashalee jira.
Waliigalteen yeroo dhiyoo kun kan dhaga’ame yeroo marii Sa’uudii Arabiyaa Jiddaatti geggeeffamaa ture yoo ta’u, haala jiru kan hordofuus, tokkoon tokkoon isaanii bakka bu’oota sadii Sa’uudii, Ameerikaa fi humnoota Sudaan lamaan irraa walitti dhufe of keessatti qaba.
Bakka bu’aan addaa muummicha barreessaa tokkummaa mootummootaa kan deggersa ce’umsaa gurmuu Sudaan Volker Pretees akka jedhanitti gareen lamaan gocha qaama isa tokkoo akkan balaaleffadhuuf nagaafataa turan. Wal waraansi dhaabatee dantaa Sudaanii fi uummata isheef jecha gam lamaanuu gara mariitti akka dhufan waamicha koo ti jedhan.
Miseensonni gola naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa, dhukaasa dhaabuu haaraa fi gara ce’umsa dimokiraasii siiviiliitiin durfamutti deebi’uu isa jedhuuf deeggarsa qaban mul’isaniiru.
Tokkummaan mootummootaa, lolli kun osoo hin ka’iin dura namoonni miliyoona 15 ta’an gargaarsi akka isaan barbaachisu tilmaamee jira. Sunis gara miiliyoona 18tti ol guddateera. Torban darbe dhaabbatichi fedhii dabalaa dhufe kana dandamachuu gargaaruuf deggersa doolaara biiliyoona 2.6 gaafateera, gabaasichi kan Associate Press.
Forum