Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Mootutmmootaa Rakkoo Nyaataa Gaanfa Afriikaa Furuuf Kan Oolu Gargaarsa Doolaara Biliyoona Torbaa Gaafate


Namoota qehee irraa buqahanii bufata keessa jiran, Dollow, Somaaliyaa, Fulbaana 19, 2022.
Namoota qehee irraa buqahanii bufata keessa jiran, Dollow, Somaaliyaa, Fulbaana 19, 2022.

Tokkummaan mootummootaa xumura torban kanaa jalqabuuf kan jiru gumiin waadaa gaanfa Afriikaa kan tokkummaa mootummootaa utuu hin ga’in dura deggersa maallaqaa doolaara biliyoona $7 gaafatee jira. Godinaa sana keessatti beelaan dha’amuun labsamuu baatus, Koreen Baraarsaa kan sadarkaa addunyaa Tokkummaa Mootuummootaa waliin ta’uu dhaan, waamichi kun lubbuu namoota miliyoonaan lakkaa’aman baraaruuf jecha hawaasa Keeniyaa, Somaaliyaa fi Itiyoophiyaa keessatti lubbuun jiraachuuf rakkatan gargaaruuf barbaachisaa ta’uu dubbachaa jira.

Tokkummaan mootummootaa akka tilmaametti namoonni gaanfa Afrikaa keessa jiraatan kanneen miliyoona 21 ol ta’an gargaarsa nyaataa guddaatu isaan barbaachisa.

Somaaliyaa keessatti hanqinni nyaataa dachaa lama kan dabale yoo ta’u, hongeenis namoota naannicha keessa jiraataniif madda jireenyaa guddaa ta’e jedhamee amanamu beeeladaalee miliyoonaan lakkaa’aman fixee jira.

Koreen baraarsaa kan sadaraa addunyaa, jijjiiramni qilleensaa harki namaa uume carraa hongee naannicha dachaa 100n akka dabalu taasiseera jechuun beeksiseera.

Doolaarri biiliyoonni 7 kun rakkoo gara fuula duraa naannicha keessatti uumamu hambisuuf mala kan dha’uuf fi hawaasni achi jiran gara fuulduraatti hongee akka dandamatan gargaara jedhamee eegama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG