Muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa Kibxata kaleessaa hawaasi addunyaa siviloota miliyoonaan laka’man kanneen walitti bu’iinsa gidduutti danqaman oolchuuf itti gaafatama irra jiru ba’aa hin jiru jechuu dhaan dhugaa suukaneessaa jiru ilaalchisee yaaddoo qaban ibsanii jiran. Itti gaafatamni kun hojii irra akka ooluuf walii galtee jiru kan hordofu waldaan fannoo diimaa addunyaa, dararaa hamaan irra g’aa kan jiru sivilota lakkoobsi isaanii hedduu ta’e ilaalchisuun gadda itti dhaga’ame ibsee jira.
Yukireenii qabee hanga Sudaanitti, Afriikaa naannoo Saahel irraa hanga giddu galeessa bahaatti namoonni nagaan misaayelootaa fi dhukaatota jalaa miliquuf akkasumas nyataa fi dawaa argachuuf yaalaa jran. Haalli namoomaa illee gad adeemaa jira.
Muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaaa Antooniyoo Gutereesh, golli naga eegumsaa biyyoonni seera waraanaa akka kabajan yaadachiisuu qaba jedhan.
Mootummoonni gareelee wal wraanan irratti dhibbaa qabaatan, marii siyaasaa keessa seenuu fi humnoota siivilotaaf eegumsa taasisan leenjisuu qabu jedhan. Akkasumas biyyoonni meeshaa waraanaa alatti ergan garee seerawwan namoomaa kan sadarkaa addunyaa hin hordofne waliin hojii daldalaa geggeessuu diduu qabu jedhan.
Gabaasa isaanii kan bara 2022 dhimma siivilota walitti bu’iinsa keessa jiraniif eegumsa gochuu ilaalchisee ba’e keessatti, walitti bu’iinsaawwan addunyaa 100 waggoota 30 ol akka fudhate ibsaniiru. Waggaa darbe garuu lakkoobsi namoota qe’ee ofii irraa buqqa’uuf dirqamanii dabalee dhibba irraa gara harka 53tti ol gudatee jira. Kan Yukireen keessatti dhumatan dabalee lakkoobsi siviloota du’anii kan tokkummaan mootummootaa galmeesse 17,000 ga’ee jira.
Forum