Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wellistuu Beekamtuun Tiinaa Tarner Umurii Ishee Waggaa 83tti Du’aan Boqotte


FAAYILII - Wellistuu Beekamtuun Tiinaa Tarner koonseertii Kologni Jarman keessatti Amajjii 14, 2009 qophaahe irratti yeroo sirba ishii dhiheessitu.
FAAYILII - Wellistuu Beekamtuun Tiinaa Tarner koonseertii Kologni Jarman keessatti Amajjii 14, 2009 qophaahe irratti yeroo sirba ishii dhiheessitu.

Weellistuun lammii Ameerikaa Tiina Tarner, hawaasa jireenya qonnaan bulaa rakkisaa ta’ee fi gaa’ila rakkisaa ta’e keessaa ba’uu dhaa weellituu beekamtuu taate Roobii kaleessaa umurii ishee waggaa 83tti addunyaa kana irraa du’aan boqotte. Yeroo dheeraa dhaaf erga dhukkubsataa turtee booda mana ishee Kusnaacht naannoo Zuurik Swiizerlaand keessatti argamutti du’uu ishee bakka bu’aan ishee dubbatanii jiran.

Turner bara 1950moota waggoota jalqabaa irra gosa muuziqaa Rook and Rool jedhamuun hojii ishee kan ishee kan jalqabde yoo ta'u, gara taatee Muuziqaa Televiiziyoona irratti mul’atutti guddatte.

Yeroo tokko tokko maqaa masoo the "Queen of Rock 'n' Roll," jedhamuun beekamtu Tarner, bara 1980moota keessa badhaasa Giraamii ja’a badhaafamteetti.

Aartistii beekamtuun kun waa'ee miidhaa abbaa warraa ishee duraanii irraa bara 1960 fi 1970moota keessa yeroo gaa'elaa fi muuziqaa keessatti michuu waliin turanitti irra gahe ifatti ibsitee jirti. Ija ishee dirmimmaa’uu, hidhiin ishee rukutamuu, fi miidhaawwan biroo irra deddeebiin irra ga’uu isaatiin gara kutaa balaa tasaa-tti akka argamtu isee taasisuu dubbattee jirti.

Seenaan Tiinaa kan miidhamummaa osoo hin taane kan injifannoo ajaa’ibsiisaa ti," jechuun weellistuu beekamtuun obboleettiin Maaykil Jaaksen Jaaneet Jaaksen waa'ee Tarner barreessiteetti, maxxansa Rolling Stone jedhamu irratti illee Tarner tarree artistoota beekamuu100 keessaa sadarkaa 63ffaa irratti taa’ee jira.

Ofii ishees gara beekkamtii sadarkaa addunyaa argachuutti of jijjiirteetti, "Isheen gara miira idil-addunyaatti of jijjiirteetti, cimina ishee bareedaa illee agarsiisteetti jetti Jaaksen.

Bara 1985 keessa Tarner jaalallee ishee yeroo dheeraa hoogganaa muuziqaa lammii Jarmanii Eerwiin Baach waliin walitti dhufte. Bara 1988 keessas Londonitti garuu dhaan Awrooppaa keessa bara dheeraaf jiraatte. Bara 1990moota keessa illee albamoota ishee hedduu gurguraman maxxansiiste. Fiilmii
“GoldenEye” jedhu bara 2008 fi 2009 waltajjii addunyaa irratti agarsiistee jirti. Sana booda hojii isee artistummaa irraa sorama b a’uu dhaan Baach waliin gaa’ila dhaabdee lamummaa Ameerikaa dhiistee bakka du’aan itti boqotte lammii Siwizarlaand taate.

Kan guddifatter ilmaan Abbaa warraa ishee duraanii kan Ike Tarner lama ka qabdu yoo ta’u, Abbaa warraa ishee Baach waliin jiraataa turte.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG