Xurree ittiin seenan

Breaking News

Madaalliin Gamtaa Afrikaa Adeemsi Nageenyaa fi Tattaaffiin Araaraa Itiyoophiyaa Tigraay Fooyya’iinsa Agarsiisuu Mul’ise


Gamtaa Afriikaa
Gamtaa Afriikaa

Gamtaan Afrikaa Waliigaltee lola dhaabuu kan mootummaa Itoophiyaa fi ABUT gidduutti, Sadaasa 2, 2022 mallattaa’e hojii irra oolmaa isaa madaalee jira. Walgahii Koree waloo Adeemsa Nagaa Itiyoophiyaa 2ffaa kaleessa Roobii kaleessaa waamame.

Koreen gamtaa kun, meeshaa waraanaa gurguddaa hiikkachuu fi meeshaa waraanaa giddu galeessaa fi salphaa ta’e dabarsuu dhaabuu, gargaarsa namoomaa gufuu tokko malee akka argatan haala mijeessuu, tajaajilli fayyaa, baankii, geejjiba ummataa, fi daldalaa deebisanii dhaabuu fi manneen barnootaa kutaalee irra caalaan isaanii deebi’anii banamuu isaanii galateeffateera.

Akka ibsa VOAf kutaa gaanfa Afriikaaf ergametti, Koreen waliinii kun garuu loltoota hidhatan kan Tigraay keessaa hiikkachuu fi humna waraanaatti makamuu saffisiisuun barbaachisaa ta'uu hubateera.

Akkasumas, buqqaatonni fi kanneen biyya keessaa qe’ee ofii irraa buqa’an gara naannoo miidhaan ira ga’ee turetti akka deebi’aniif haala mijeessuun hatattamaa akka barbaachisu hubachiiseera.

Humnoonni Tigraay borii qabee meeshaa waraanaa giddu galeessaa fi salphaa dabarsanii kennuu akka eegalan maddeen VOAtti himaniiru.

Angawoonni Komishinii Haaromsa Biyyoolessaa Itiyoophiyaa gama biraan loltoota hidhannoo Tigraay hiikkachuun bor akka eegalu mirkaneessaniiru jechuu dhaan Mulugeetaa Atsbehaa Maqalee irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG