Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Mootummootaa Deggersa Maallaqaa Gaanfa Afriikaaf  Gaafate Keessaa Doolaara Biliyoona $2.4 Argate


Asxaa Tokkummaa Mootummootaa
Asxaa Tokkummaa Mootummootaa

Tokkummaan mootummootaa Roobii kaleessaa waadaa Doolaara biiliyoona 2.4 guutuu Ityoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaa keessatti namoota gara miiliyoona 32 ta’aniif maallaqaan gargaaruuf waadaa seene, garuu arjoomni kan tokkummaan mootummootaa balaa mudachuu danda'u furuuf barbaadu irraa gadi ta’ee jira..

Tokkummaan mootummootaa biyyoota sadan kanaaf doolaara biiliyoona 7 ol iyyateera, garuu gumiii waadaa Roobii darbe gaggeeffameen dura Somaaliyaa dhaaf dhibba irraa 25 qofa, Itiyoophiyaan dhibba irraa harka 22 fi Keeniyaaf immoo dhibba irraa herka 21 qofa deggersa maallaqaa argatan.

Tokkummaan mootummootaa Gaanfa Afrikaa wiirtuu balaawwan qilleensaa hamaa addunyaa keessaa tokko ta'uu ibsee jira.

Jarmayaan Fayyaa Addunyaa fi jarmayaan gargaarsa daa’immanii UNICEF akka jedhanitti, bara darbe Somaaliyaa keessatti hongee mudateen namoonni gara 40,000 du’aniiru, walakkaan isaanii daa’imman umuriin isaanii waggaa shanii gadi ta’uu muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa Antooniyoo Guteresh beeksisaniiru.

Yunaayitid waadaa olaanaa kan galte yoo ta’u dabalataan doolaara miiliyoona 524 ka gumaachite yoo ta’u, waliigala gumaacha ishee bara baajataa 2023 gara doolaara biiliyoona 1.4tti ol guddiseera. Komishiniin Awurooppaa Doolaara miiliyoona 185, Jarmaniin Doolaara miiliyoona 163, Biriteen Doolaara miiliyoona 120 fi Nezerlaand Doolaara miiliyoona 92 kennuufwaadaa seenaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG