Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komishiiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Naannoolee Lamaaf Waamicha Dhiheesse


Asxaa Koomishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa
Asxaa Koomishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa

Konishiiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa bulchiinsawwan naannoo Oromiyaa fi Somaalii bakkaawaan hongeedhaan miidhamanii turan keessatti akka jijjiraa haalaa jireenyaa irratti hojjatan waamichaa dhiheessee jira.

Komishiinichi ibsaa guyyaa har’aa baaseen roobiin yeroo amma roobaa jiruu dhiibbaa hongeen naannoolee lamman irratti uume salphiisuudhaaf gahaa akka hin taanee hubachiisee,mootummaawa naannoo ammumaa jalaqabanii hojiiwwaan haala waara qabeessa ta’en balaa hongee dandamachuu dandeesisu irratti akka xiyyeefatan gaafatee jira.

Haaluma walqabateen, dhaabbata mootummoota gamtoomanitti jaarmiyaan qindeessa gargaarsa namoomaa/ OCHAn jedhetti, baakaawwan hongeedhaan miidhaman keesaa namoonii jiraan miiliyoonii 11 ol ta’an wabii midhaan nyaataa gahaa hin qabanu.

Horiiwwan ykn beelladoonii manna nyaataa fi galii argachuuf gargaaran balaa hongeetiin waan miidhamaniif naannoowan kana keessatti jireenyaa ummataa bakka turetti deebisuun waan dhiheenyyatti danda’amuu akka hin taanee OCHAn ibsuu isaa Kenedii Abaatee Finfinnee irraa gabaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG