Xurree ittiin seenan

Breaking News

Diiggamuu Masjiidotaatin Wal-qabatee Hiriira Geggeeffame Irratti Lubuun Namootaa Darbuu Poolisiin Finfinnee Beeksise


Mosque
Mosque

Naannoo oromiyaa magaalaa Shaggaritti sababa “ijaarsa seeraan alaa” jedhuun diiggamuu masjiidotaa sababeeffachuun magaalaa Finfinnee keessatti hordoftoonni amantaa Islaamaa har’a mormii dhageechisaniiru.

Naannoo masjiida Anuwaariitti qaamooleen nagaa eegsiisan namoota mormii dhageessisan irrratti gaazii imimmaannessu dhukaasuu isaanii namni bakkicha ture Sagalee Ameerikaatti himeera. Masjiida naannoo Piyaassaatti argamu; Masjiida Nuriittis hordooftoonni amantichaa sirna sagada soolaataan booda mormii isaanii dhageessisaa turaniiru.

Bulchiinsa magaalaa Finfinneentii alattis naannoo Oromiyaa baakkoota adda addaa keessatti hordoftoonni amantaa islaamaa hiriira ba’uun mormii isaanii dhageechisaniiru. “Bulchiinsa magaalaa Shaggaritti amma amaatti masjiidonni 19 diigamaniiru,” kan jedhe Manni Maree Islaamummaa Oromiyaa guyyaa har’aa naannicha keessatti hiriirri nagaa akka gaggeeffamu waamichi dhiheessuu isaas mirkaneesseera.

Poolisiin magaala Finfinnee ibsa baaseen "hiriira bahameen wal-qabatee hookkara ka'e,"jedheen lubbun namoota lamaa darbuu fi kanneen kudhan ta’an madaa’uu akkasumas miseensonni qaama nageenyaa 42 miidhamuu beeksise. Jeequmsa kana hooggaaniiru, qindeessaniiru ykn adda durummaan hirmaataniiru jechuun namoota shake kudha shan to’annaa jala ooluu isaanii ibsi poolisii biraa ba’e beeksiseera. Haalli isaa tasgabbaa’uu kan ibse poolisiin Finfinnee ibsa gabaabaa baaseen, lubbuu namaa bade jedhe eenyuun akka raawwatame hin ibsine.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG