Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hanqinni Nyaataa fi Beelli Yaaddoo Uumuu Jaarmayaaleen Tokkummaa Mootummootaa Ibsan


Namootni qehee irraa buqahanii bufata yeroo keessa jiran nqarqaarsa nyaata kennameen fudhatanii yeroo deeman, Hodeyidah, Yemen, Ebla 20, 2023.
Namootni qehee irraa buqahanii bufata yeroo keessa jiran nqarqaarsa nyaata kennameen fudhatanii yeroo deeman, Hodeyidah, Yemen, Ebla 20, 2023.

Sababa wal waraansa Sudaan keessatti gaggeffameen akkasumas Heeyitii, Burkina Faasoo fi Maalii keessatti immoo, sababa sochiin namootaa fi meeshaalee barbaachisoo ta’anii daangeffamuun, beela dabalatee haanqinni nyaataa hatattamaa dabaluu Jaarmayoonni Tokkummaa Mootummootaa lama har’a akeekkachiisaa jiru.

Biyyoonni arfan maqaa dhaahaman kun, Afgaanistaan, Naayijeeriyaa, Somaaliyaa, Sudaan Kibbaa fi Yaman waliin sadarkaa of eeggannoo olaanaa ta’eetti kan dabalaman yoo ta’u, hawaasni duraanuu beela mudate ykn mudachuuf tilmaamame; ykn karaa biraatiin “gara haala balaa’amaa ta’etti ” saaxilamuu danda’aman keessa jiran.

Gabaasni Sagantaa Nyaata Addunyaa fi Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa kan Tokkummaa Mootummootaan qophaa’e kun, lubbuu namaas ta’e hojii baraaruuf xiyyeeffannoo hatattamaa akka kennamu gaafatee jira.

Biyyoota sagal yaaddoo sadarkaa olaanaa irra jiran bira darbees, biyyoonni biro 22 rakkoo wabii nyaataa cimaadhaaf saaxilamu jedhamee adda baafamuu isaanii jaarmayoonni Tokkummaa Mootummootaa lameen ibsanii jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG