Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Museveniin Ka Biyyoota Gama Dhiyaa fi Roogeeyyii Mufachiise Seera Farra Jaalalleewwan Saala Wal-fakkii Baasuuf Jiru


FAAYILII - Aktiivistiin Yugaandaa kuweeerii taate jibba jaalalleewwan saala walfakkaataa irratti biyyattiitti geggeeffamu mormuudhan hiriira irratti yeroo hirmaattu, , Pritooriyaa, Ebla 4, 2023.
FAAYILII - Aktiivistiin Yugaandaa kuweeerii taate jibba jaalalleewwan saala walfakkaataa irratti biyyattiitti geggeeffamu mormuudhan hiriira irratti yeroo hirmaattu, , Pritooriyaa, Ebla 4, 2023.

Pirezidaantiin Uugaandaa Yoweri Museveni seera farra Qunnamtii saala walfakkaataa ba’uuf hayyamuu isaanii af-yaa’iin paarlaamaa biyyattii Wiixata har’a Tiwiitara irratti maxxansaniin ibsanii jiru.

Seerri kun seera farra namoota saala walfakkaataa kanneen jaalalleewwan walii ta’e, addunyaa irratti ciccimoo ta’an keessaa tokko yoo ta’u, Museveniin raggaasisuun isaanii balaaleffannaa mootummoota warra dhihaa, dhaabbilee daldalaa fi falmitoota mirga namoomaa dhaggeefachuu diduun ta’a jechuu dha.

"Amma dirqama seera bu'uura godhattoonni aangoo seera farra qunnamtii saala walfakkaataa keessatti kennameef akka raawwatan nan jajjabeessa. Ummanni Yugaandaa dubbateera, ammas seera kana haala haqa qabeessa, dhaabbataa fi cimaa ta'een kabachiisuun dirqama keessan’ jechuun af-yaa'iin paarlaamaa Aniitaa Among barreeffama Tiwiitara irratti barreessaniin maxxansan.

Hariiroon jaalalleewwan saala walfakkaataa Uugaandaa keessatti duraanuu seeraan ala ture, akkuma biyyoota Afrikaa 30 ol keessatti ta'u, garuu seerri haaraan kun namoota saala walfakkaataa irratti xiyyeeffachuu irratti daran qiyyaafatee jira.

Ameerikaan baatii Guraandhala keessa deebii kennuudhaan, sagantaalee gargaarsaa Amerkaan kanneen HIV/AIDS ittisuu irratti xiyyeeffatan dabalatee hariiroo mootummaa Yugaandaa waliin qabdu akka keessa deebitee ilaaltu dubbattee jirtti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG