Pirezidaantiin Turkii Rejep Tayyip Erdogaan filannoo marsaa lammataa miseensonni mormitootaa rakkoo gatii jireenyaa keessatti teessoo irraa isaan buqqisa jedhanii abdatan irratti erga injifatanii booda, angoon marsaa haaraa waggaa shanii harka isaanii galeera.
Erdogaan marsaa lammaffaa Dilbata kaleessaa sagalee harka 52.2 argachuun kan injiifatan yoo ta’u, morkataa isaa Kemal Kilicdaroglu harka 47.8 argate.
“Waggoota shanan dhufaniif itti gaafatamummaa biyya kanaa, irra deebi’ee akkan bulchuu waan natti kennitaniif, tokkoon tokkoon miseensa saba keenyaa nan galateeffadha,” jechuun Erdogaan deeggartoota isaaniitti himan. "Lammiileen keenya filannoo irratti sagalee isaanii kennuudhaan ofii isaaniifis ta'e ijoollee isaaniif fedhii isaanii gara fuula duraa agarsiisan hunda galateeffachuun barbaada jedhan Erdagaan."
Mormiituun isaanii Kilicdarogluun bu’ii filannoo kanaa hin falmine, garuu filannoo kana waggoota dhiyoo asitti “isa hunda caalaa haqa qabeessa hin taane dha” jedhan.
''Waan kan mootummaa ta’e hundi dhaaba siyaasaa tokkoof socho'e, “Wanti danda’amu hundi miila nama tokkoo jalatti kaa’ame." Jedhan.
Erdogaan marsaa jalqabaa irratti injifannoo dhiphoodhaan erga injifachuu dhabanii booda, gara sagalee Dilbata kaleessaa akka qajeeluu ta’e.
Erdogaan dimokiraasii gadi buuse, qeeqxoota hidhuun, ajaja aangoo giddu galeessa irraa gara kutaaleetti dabarsu jechuun qeeqxonni himataniiru. Mormiituun isaa dorgoman garu, biyyatti gara dimokiraasii paarlaamaatti akka deebisanii fi hidhamtoota siyaasaa beekamoo akka gadhiisan waadaa galanii turan.
Forum