Barattoota shamarran Chibook humnoota shororkeessotaa Bokoo Haraamiin butamanii turan keessaa sadii waggooota sagalii booda humnoota Waraanaa Nayijeeriyaa Naannoo bulchiisa Bornoo harka Bokoo Haraam irraa baraaramuun isaanii ibsamee jira. Taatee bara 2014 ta’een humnoonni garee leellistoota Islaamummaa Bokoo Haraam mana barumsaa Sadarkaa lamaffaa kan magaalaa Chibook keessa jiru seenuun barattoota shamarraan dhibbootaan lakka’aman butanii deeman.
Warra butaman keessaa baayee’een isaanii waliigaltee keessaan humnoota hidhattootaa kana waliin godhamuun kan gadhiifaman taheyyuu kanneen hin gadhiifamiin akka jiranis ibsamee jira. Gabaasa Xiimootii Obizuu Abujaarraa erge, Mitikkuun hiikee jira.
Forum