Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Kibbaa Godinaa Hadiyyaa  Keessatti Hojjetoonni Mootummaa 40 ol Hidhamuun Himame 


FAAYILII - Addabaabaayi Sumuudaa, magaala Hawaasaa, Sadaasa 19, 2019
FAAYILII - Addabaabaayi Sumuudaa, magaala Hawaasaa, Sadaasa 19, 2019

Bulchiinsa naannoo kibba Itiyoophiyaa Godinaa Hadiyyaa anaa Badawaachoo bahaa keessaatti hojjattoonni mootummaa mindaan isaanii ji’a sadiif hin kennamneenf mormii dhiheessuu isaanitiin walqabatee namoonni 40 ol hidhamuun isaanii gabaasameera.

Barsiisotaa alaatii hojjattoonni mootummaa ji’oottan sadiif mindaan akka hin kaffalamennf kan ibse gabaasinii kun, bulchiinsii naannoo hojjatoota kaffaltiidhaan walqabatee mormii dhageessisanu hordifuudhaabn akka tarkaaniffii irratti fudhachaa jiru jiraattota wabbefachuudha ibseera.

Hogganaan bulchiinsaa godina Hadiyyaa Obbo Abrahaam Mechaa dhiheenyaa kan akka VOA ti himanitti, qonnaan bultoonni gatii xaa’oo liqiidhaan fudhatan waan deebisanii hin kaffalleef mindaan hojjattootaa kaffaluun hin danda’amne.

Bulchiinsii goinichaa xaa’oo biiroo faayinaansii naannichaa irraa kan liqeeffatae ta’uu isaatii fi waan liqichii hin kaffalamneef biiroon faayinaanisii naanichaa mindaa hojjatootaa mootummaaf kaffalamuu qabuu irraa kutee akka kenneef bulchiinsii godinichaa ibsuu isaa Yoonaatan Zebdiyoos gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG