Amma ji’a onkoloolessaatti lammiileen Sudaan Miiliyoonii tokkoo ol ta’an biyyaa isaanii gadilakisaanii bahuu danda’uu kan jedhee dhaabata mootumootaa gamtoomaniitti jarmiyaan dhimmaa baqattootaa / UNHCR rakkinaa naanichaa keessatti ummameen walqabatee namoottan karaa seeraan alaa biyyaa biraatii daddabarsuuniifi gurgurtaan meeshaalee waraanaa babalachuu akka danda’u akeekkachiisee jira.
Hogganaan UNHCR Filoopoo Graandii ergaa daangaa Sudaaniif Masri daawwatanii booda ibsaa kennaniin ji’oottan jahaan dhufan keessaatii lammiileen Sudaan kumma 800 fi lammiileen biyyootan alla Sudaan keessa jiraatan Kumnii 200 biyyaatii gadi lakkisanii bahuu akka danda’an ibsanii jiru.
Amma ammaatti namoonni kuma 300 fi kumnii 50 biyyoottan ollatti kan baqatan yemuu ta’u, biyyoottan baqattoota kan asimachaa jiran keessaa, Repaabliikii walakkeesaa Afrikaa,Itiyoophiyaa fi libiyaan rakkinaa nageenyaa maataa isaanii akka qabani fi rakkoon sudaan dabalata akka isaanitti ta’e Graandiin ibsanii jiru.
Dhaabanii mootumootaa gamtoomanii namoottan jireenyaa isaanii irraa buqa’an kana ji’oottan jahaan dhufaanuuf gargaaruudhaaf doolaaraa Miiliyoonii 400 fi miiliyoonii 70 gaafachuu isaa fi amma ammaatii dhibeentaa tokko qopfa argachuu isaa Filoopoo Giraandii ibsaniiru.
Magaa Sudaanii fi Masiriin daangesuu Waadii Haalfaa keessaa daa’imaniifi dubartootaa dabalatee namoottan hedduun Viisaa argachuudhaaf eeggachaa akka jiran kan himan Graandiin ergaa walwaaraansichii jalqabamee as lammileen Sudaan kuma 100 fi kumnii 60n Masiriin seenuu isaanii akka ibsan gabaasameera.
Forum