Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaanti Baayiden Seeraa Ugaandaan Baaste Balaaleffatan


Prezidaantii Yunaayitid Isteets, Joo Baayiden imalaaf masaraa mootummaa Waayit Hawus keessa gadi bahanii xiyyara korun dura gaazexessistootatti yeroo hasahan, Waashingitan, Diisii, Caamsaa 29, 2023.
Prezidaantii Yunaayitid Isteets, Joo Baayiden imalaaf masaraa mootummaa Waayit Hawus keessa gadi bahanii xiyyara korun dura gaazexessistootatti yeroo hasahan, Waashingitan, Diisii, Caamsaa 29, 2023.

Prezidaantii Yunaayitid Isteets Joo Baayiden seeraa farra waljaaldhanaa wareen saala walfakkaata qabanii mootummaan Ugaandaa raggaasise balaaleffatanii jiru.

“seeraa qaanessaadha” kan jedahan prezidaanti Baayiden , gochichii sarbiinsaa mirgaa manoomaa fi malaanmaltummaa Ugaandaa keessatti adeemaa jiryuuf dabalata haaraadha jedhanii, Yunaayiti Istees dhiibaa seerii kun walitii dhufeenyaa biyyoottan lamman qabanuu irratti fiduu danda’u akka madaaltu ibsaniiru.

Adabbii Du’aa dabalatee tarkaanfiwaan addaa addaa wareen Saala walfakkaataa qabanuuf waljaaldhatan irratti akka fudhatamuu seerii eeyyama Prezidaantii Ugaandaa Yuweerii Museeveeniitiin malataa’e kun adduunyaa irraatti seerotaa cimoo ta’an keessaa isa tokko yemuu ta’uu biyyoottan Lixaa hedduun akka morman taasise jira. Qoqqobiin diinagdees biyyaatii irratti akka kaa’amuu taasisuu danda’a jedhameera.

Walquunamitiin saalaa walfakkaataa biyyoottan Afrikaa 30 dabalatee Ugaandaa keessaati duraanuu dhorkaa kan turee yemmuu ta’u seerii amma bahee garuu hamaa akka ta’e ibsameeraa. Akka seeraa kaantti karaa walqunaamitii kanatiin HIV dabalatee yoo dhukubnii daddarboon nama qabeeraa ta’ee, addabiin isaa amma du’aatti kan deemuu yemmuu ta’u, waa’ee walquunnamitii saalaa walfakkaataa karaa kamiinuu ibsuun amma hidhaa wagga 20 kan nama adabsiisuudha.

Seerii Ugaandaa raggaasiste kun seeraa tumyootaa biyyoottan olla kan keeniyaa fi Ugaandaa jajjabeesuu akka danda’u ibsameera.

Ugaandaan waggaatti gargaarsaa alaa Biiliyoonnatti lakkaawamuu kan argatuu yemuu ta’u, seerii kun warren gargaarsaa laatanuu fi inveestiimentii irraatii bobba’anii jiran akka yaadaa isaanii jijjiran taasisuu akka danda’u gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG