Yuukreen haleellaa droonii hedduu magaaala guddichaa Raashaa Mooskoo irratii kibxata har’aa raawachuu ishee fi dirooniwaan hunduu qolatamu isaanii ministrii Itisaa Raashaa ibsee jira.
Dirooniwaan Yukreen irraa kara Mooskootti duulan kun barbadaa’uu isaanii ministirii ittisaa biyyatti beeksisus Kantiibaan magaalaa Mooskoo Sergee Soobyaaniin haleellaa Kannan namoonii lamma madaa’anii isaani keessa tokko hospitaala galuu isaa mirkaneesanii jiru.
Haleellaa ganama barii raawatamee Kannan jiraattoonii naasuun itti dhagahame gaamoowwan lamaa keessa jiraatan caalaan isaanii baqataanii kan bahan yemuu ta’u, garaa boodaa garuu mana isaaniitti akka deebi’an fi haleellaa Kanaan nammii du’e akka hin jirre maddii oduu Royiters gabaaseera.
Haleellaan droonii Raashaa keessati raawatamuu dhiheenyaa kana kan dabalaa deemee yemuu ta’u jalqaba ji’a kanaa keessaa masaaraa mootummaa Raashaa irraati haleelaa raawwatamee duubee Yuukreen akka jirtu ni yaadama jechuudhaan Niwu Yoork taayioms gabaaseera.
Odeeffaanoon tooraa Teelgiraamii BAAZAA jedhamuuf odeeffaannoo umnoottan nageenyaa Raashaaf maddaa gaarii kan ta’e akka ibsetti, dorooniin 25 Mooskoo irraatti Dhukaasamee diroononni 10 qolatamaniiru.
Forum