Sudaan humna waraanaa saffisaa torban hedduudhaaf wal waraanaa turte waliin marii irratti hirmaachuu ishee addaan kutuu ishee dubbi himaan waraanaa beeksisanii jiru.
Qondaalli kun Robii har’a akka jedhanitti, tarkaanfiin kun kan fudhatamee, mormii Humnoonni Saffisaa dhukaasa dhaabuu gargaarsa namoomaa jecha tolfame “irra deddeebiin cabsuu” isaaniin akkasumas, kanneen akka hospitaalotaa fi bu’uuraalee siiviilootaa biroo magaalaa Kaartuum keessatti itti fufiinsaan qabachuu isaanii dabalatee ta’uu ibsaniiru.
Kun ta’u un immo, torbeewwan hedduudhaaf waldhabdee gareewwan waraanaa Sudaan lamaan gidduu jiru maanguddummaan furuuf hojjeetaa kan turan Ameerikaa fi Sa’uudii Arabiyaaf rakkoo itti ta’e jira.
Sa'udii Arabiyaas ta'e Ameerikaan yaada hatattamaan kennan hin jiru. Sudaan walakkeessa baatii Ebla keessa waraana ishee fi kan humna saffisaa ykn RSF jedhaman gidduutti lolli erga ka’ee booda jeequmsa keessa fagaattee gad buutee jirti.
Forum