Pirezidaantiin haaraan Wiixata dabree kakuu rawwachuun aangoo qabatan kan Naayijeeriyaa, biyya isaanii hedduumiina uummataan beekamtu, tokkoomsuu fi nageenya dhabuu sadarkaa duraa kan olaanaatti ittisuuf waadaa seenanii jiru.
Maanguddoon ganna 71 kun, Jeneraal waraanaa duraanii Muhammadu Buhaarii kan paartii walfakkaataa keessaa turanii fi ganna 80 tti aangoo gadhiisan Mohammaduu Buhaarii bakka bu’a .Buhaariin marsaa lama erga bulchanii booda, biyyatti galaana rakkoo dinagdee fi kan nageenyaa keessatti dhiisanii aangoo gadhiisanii.
“Akka pirezidaantii Rippabiliika Federaalaa Naayijeeriyaatti dirqama koo nan ba’a, hojii koos hamma humna kootii dhugaadhaan nan raawwadha, kunis amanamummaa fi akkaataa heera mootummaatiin,” jedhan Tinubuun tamsaasa kallattiin magaalaa guddoo Abujaa keessa kan jiru waltajjii Igiil jedhamu irraa haasawaa dhageesisaniin.
Hoggantoonni biyyoota alaa fi bakka bu’oonni sirna kana irratti argaman preezdaantoota Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa, kan Ruwaandaa Pool Kaagaamee fi kan Gaanaa Nana Akufo-Addoo akkasumas jila Ameerikaa, Biriteen fi Chaayinaa dabalatee argamanii jiru.
Kaashim Shettimaa itti aanaa prezidaantii ta’uuf kakatanii aangoo qabatanii jiru.
Lamaauu paartii biyya bulchaa jiru irraa filannoo Fulbaana 25 gaggeeffame irratti, injifattoota ta’uun labsamanii, sagalee olaanaa argachuun, kutaalee Naayijeeriyaa harka sadii keessaa lama keessatti waraqaa sagalee barbaachisu fudhachuun isaanii ni yaadatama.
Garuu Tinubu sagalee waliigalaa keessaa harka sadii ol xiqqoo qofa kan argate yoo ta'u, kunis aangoo laafaa akka qabaatu taasiseera jedhu xiinxaltoonni tokko tokko.
Forum